Ethiopian language

Filannoo Tiim Lammaa: humna moo nagaa?

(Editor’s note: Kun hiika Afaan Oromoo maxxansa ‘Ethiopia Insight’ kan afaan Itoophiyaatti yeroo duraatiif hiikameedha. Maxxansi kun gaafa Amajji 1, 2018 kan afaan Ingiliffaatiin kan maxxanfamedha.

Ergasii humni mootummaa duula ABO irratti gama lixa Oromiyaatiin bane cimsuun gaafa Amajji 12 irraa eegalee humna qilleensarraa fi lafootti fayyadamaa jira. Baankiiwwanii fi dhaabbilee maallaqaa 10 caalan kanneen godinaalee Wallagga Lixaa fi Qellem Wallagga keessatti argaman irrattis saamichi geggeeffamee jira.)

Erga Adda Bilisummaa Oromoo biyyatti waamanii, Tiim Lammaan sochii hawaasaas deggeraa karaa ittiin aangoo of harka turfatan irratti hojjechaa jiru.

Muummichi Ministeeraa Doktor Abiy Ahmed fi Pirezidaantiin Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa biyyicha bubbeedhaan fudhatani, garuu hojmaneetu isaan eeggata: uummati Oromoo gaaffilee bara 2014 irraa kaasanii gaafachaa turaniif deebii barbaadu.

Oromoon ammayyuu raayyaa ittisa biyyaatiin ajjeefamaa jiru; Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa hin taane; Fayidaan Addaa Oromiyaan akka heera biyyattiitti Finfinnee irraa argachuu qabdu ammallee hojiirra hin oolle; dabalataan Oromoon lafa isaa irraa kaafamaa jira, keessumaa naannoo Finfinneetii.

Namooti baayyeen jijjiirama paartiin dhiyeenya maqaa jijjiirrate, Paartii Diimokiraasii Oromoo (ODP), abdachiise amananii turan, garuu sababa hooggansi jaarmiyaa isaanii cimsuu irratti xiyyeeffataniif abdiin kun ni dukkanaa’e, mormiinis deebi’ee ka’e.

Amma Tiim Lammaan dirree siyaasaa babali’suu, kan waliigaltee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Daawud Ibsaatiin hoogganamu of keessatti qabatu hojiitti hiikuu yookaan jaarmiyaa ODP fi aangoo isaanii karaa garaagaraattti fayyadamuudhaan eeguu fi ABO beekamtii uummataa qabu dadhabsiisuu keessaa filachuu qabu.

Yeroo ABOn uummataa wajjin bilisaan wal quunnamaa, maqaa isaa isa mootummaan EPRDF nuusa jaarraa tokkootii oliif bal’eessaa ture deeffachaa jiru kanatti, Tiim Lammaan akka jaarmiyaan isaanii gaaffii keessa jiru beeku. Hanga ammaatti ODPn gabatee shororkeessaa irraa haqamuu ABOtti akka waan hin gammadneetti socho’aa jiru.

Garuu ifaaf ifatti adda bilisummaa wajjin lola jalqaban, waadaa uummataaf seenan faallessa. Waadaa seenan hojiitti hiikuurra, yookaan jecha isaanii diiguurra, Tiim Lammaan dorgomaa isaanii dura dhaabachuuf karaa biraa fayyadamuuf kan murteeffatan fakkaata.

Ta’us, walitti fufiinsi lola hololaa baay’inaan waanta dhugaadhaan wal simate.

Haala Lixaa

Walakkeessa Sadaadaatti, Obbo Jawar Mohammed, Kongiresii Federaalaa irraa Obbo Baqqalaa Garbaa, ABO irraa Obbo Lammii Beenyaa godinoota lixa Oromiyaa sadii fi Asoosaa, magaalaa guddittii naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti walga’ii geggeessanii turan. Hirmaattota baay’inni isaanii dhibbootaa hanga kumootaatti kan lakkaa’amu fi jaarsolii, abbootii amantaa fi dargaggoota kan of keessatti qabate ture.

Imalichi seensa Najjootti karaa gartokkeen cufaa ture kan sababa konkolaachisaan Baajaajii fi imalaan tokko raayyaa ittisa biyyaatiin gaafa Sadaasa 12 ajjeefamuu isaanii mormuuf cufame irraa kan hafe, imala nagaa ture. Waraanni mootummaa seensa Gimbii kara lixaa fi naannoo Yuubdoo karaa Dambi Dolloo geessu irratti konkolaataa isaanii irraa bu’anii gara Tusiitti utuu fiiganii argamaniiru.

Yeroo holola mootummaa hirmaattotaaf ibsanitti, “Karaan cufaa ta’uu fi sababa shiftaatiif gara lixa Oromiyaa deemuun akka hin danda’amne nutti himamee ture, garuu nuti soba ta’uusaa argine” jedhan Obbo Baqqalaan.

Obbo Jaawaarii fi Obbo Baqqalaan bakka hundatti namoota baay’eedhaan kan simataman yeroo ta’u, haala uummati keessa jiru irratti callisuu isaaniis itti himaniiru. Obbo Jaawaar rakkoo mootummaa ifa baasuu irratti akka hojjechaa hin turre amanee, garuu dhoksaatti akka qeeqaa ture dubbate. Ammaan booda akka haala hooggansaa akkuma yeroo mormii duraanii ifatti baasu dubbate – hanga ammaatti kun hin mul’anne, jaarmiyaalee lamaan araarsuu yaalaa jiraachuu isaa irraa kan hafe.

Walga’iiwwan hawaasaa geggeeffaman irratti dhimma rakkoo nageenyaa lixa Oromiyaa fi rakkoo naannoo daangaa Beenishaangul Gumuz uummata irraa dhaggeeffachuuf hawaasa bakka garagaraa yeroo mariisisaa turanitti harka caalaa mariiwwaan geggeeffamanii irratti bakka buutota ODP waliin kan dhaggeeffataa turan. Hirmaattoti marichaa hooggantoota ODP achitti argaman irratti miira aarii kan hin calaqqisiisne ta’us, hooggantoota dhaabichaa tokko tokko irraa aarii akka qaban ibsataniiru.

“Yeroo ammaa kanatti gareen holola sobaa ‘ATM’ gurmaa’ee jira. ATM’n qubee jalqaba maqaa Addisuu Aragga, Taayyee Danda’aa fi Milkeessaa Miidhagaa irratti hundaa’uun kan waamamuudha. ATM’n kun halkaniif guyyaa holola sobaa dhimma lixa Oromiyaa tamsaasuun Oromoon bakkaan akka wal qooduuf kan hojjetuudha” jedhe dargaggoon tokko marii Gimbiitti godhame irratti.

Obbo Baqqalaa Garbaa, bilbila qabatanii, Obbo Jaawaar Mohaammed naannoo Najjootti; Sadaasa 14; Ermias Tasfaye

Maqa balleessii mootummaatti dabalataan, gabaasa imala lixa Oromiyaa Jaawaar gaafa Mudde 30 maxxanse irratti, komeen jiraattotaaf hooggantoota mootummaa WBOn poolisii fi milishaa hidhannoo hiikkachiisa; baajeta Aanaa humnaan fudhata; waraanaa fi poolisii riphee ajjeesa; konkolaataa dhuunfaaf mootummaa humnaan fayyadama; fi nama hidhuu, reebuu fi sodaachisuu kan jedhu ture.

Garuu caalmaatti kan jiraattota yaaddessaa jiru gocha humna nageenyaa federaalaa fi waraana ittisa biyyaati. Ummati naannoo daangaa jiraatan yeroo eegumsa isaanii barbaadanitti, sababa waraanni mootummaa uummata keessa buufatee uummata rakkisaa jiruuf beekuu barbaadu. Sababa waraanni mootummaa dargaggoota ajjeesanii fi jaarsolii reebaniif, ijoolleen hirriba keessaa weerarteee kaati.

“Duroo Wayyaanee warra akka Abbaay Tsehaayye komachaa turree, amma immoo ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa raayyaan ittasa biyyaa nurraan ga’aa jiraniif eenyuun komannaa?” jedhan maanguddoo Yuubaa Odaa Kaarraa. (Guutummaan haasawaa isaanii xumura irratti ilaalaa)

Akka bu’uuraatti, jiraattoti dhimmoota afur irratti yaaddoo qabu: waraanni mootummaa gara isaaniitti guuramuu fi rakkoo naannoo daangaa B-G jiru furuu dhiisuu; sadarkaa naannootti muudamuu qaamolee nageenyaa tokko tokkoo ; holola qoodiinsaatti fayyadamuu hooggantoota Oromiyaa; fi hojiirra ooluu dhiisuu waliigaltee ABO wajjinii.

Kiyyoo kaa’uu

Baatii Fulbaanaa irraa kaasee mootummaan waraanni gara lixa Oromiyaatti guuramaa jira. Utuu naannoo daangaa B-Gtti irratti barbaadamanii WBO barbaacha naanna’uun isaanii irratti jiraattoti komachaa turan. Murtii gaafa Mudde 1 kan akka humni federaalaa naannoo daandaa B-G akka seenu jedhu akka waraanni duraan lixa Oromiyaatti bobbaafamaa turan WBO barbaacha kan deemaa turan ta’uu agarsiisa.

Lixa Oromiyaa qofa utuu hin taane, zooniiwwan akka Gujii Bahaa fi Gujii Lixaa kan WBOn keessa socho’aa jira jedhamee amanamuttis waldhabdee ABO fi mootummaa gidduutti ka’e irraan kan ka’e mootummaan waraana isaa dhuma torban Onkoloolessaa irraa kaasee bobbaasaa ture.

Jiraattoti tokko tokko kan jedhan, mootummaan yeroo WBO adamsu kanatti, naannoo WBOn socho’utti poolisootni hojii idilee isaanii rakkina tokko malee akka hojjetan. Obbo Jaawaariif garee isaatti kan himan, akka WBOn warra yakka hojjetan qabee poolisootatti kennaa jiraniidha. Yeroo mormiin guutummaa Oromiyaatti sababa naannoo daangaa B-Gtti poolisooti 11 ajjeefamaniif geggeeffame irratti poolisootni Oromiyaa akka hirmaatan ifaadha.

Rakkoon naannoo daangaa Oromiyaa fi B-G Fulbaana irraa eegaalee kan ture ta’us, mootummaan naannolee lamaanii miidhamtoota deggeruu irrattis ta’e rakkoo jiru furuuf si’aawoo hin turre. Akka jiraattoti jedhanitti, mootummaan rakkinichi miidiyaatti akka beeksifamuuf iyyuu fedhii kan hin qabne ta’uu isaati.

Humni hidhatee kan naannoo B-G irraa dhufe haala suukkanneessaadhaan namoota ajjeesuu, midhaanii fi mana gubuu isaanii dhageenya, garuu mootummaan “akka qurxummii duudee” taa’a. Qeeqi humna nageenyaa mootummaa irratti yeroo bifa haaraan ka’etti, Kabaji hooggantoota WBO isaan dura dhaabbatanii dabalaa dhufe.

Muudama yaaddessaa

WBO human nageenyaa Oromiyaatti dabaluun qaama waliigaltee mootummaa fi ABO kan uummataaf hin ibsamne ta’ee, ABOn jaarmiyaa siyaasaa karaa diimokiraasii qabsaa’u yeroo ta’u WBOn immoo uummata eeguu keessatti ga’ee isaa akka ba’uudha.

Garuu ODPn haala falmisiisaadhaan falmii jaarmiyaalee ABO fi ABO irraa adda ba’an gidduu jiru irratti gara tokko goruudhaan baabsan, kunis jaarmiyaa ABO Obbo Daawwudiin hooggannamu dadhabsiisuu yaaluuf jedhamee kan tilmaamamuudha. Mootummaan naannoo Jeneraal Kamaal Galchuu, durataa’aa Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa, hoogganaa nageenyaa gochuun, miseensa ABO duraanii Koloneel Abbabaa Garasuu, itti aanaa nageenyaa gochuu fi Jeneraal Haayiluu Gonfaa, durataa’aa ABO-T (ABO-Tokkoomee) komiishinera poolisii godhanii muudan.

ODPn dabalataan namoota ATM jedhaman: Addisuu Itti gaafatamaa Siyaasaa fi Ijaarsa Baadiyyaa ODP, Taayyee Danda’aa dubbi himaa ODP; fi Dr Milkeessaa Miidhagaa hoogganaa Biiroo lafaa Oromiyaa gochuu guddina kennaniif. Haata’u malee, hooggantoota isaaniin dhowwamaniiru yoo ta’e hin beekamu, ta’us yeroo ammaa kanatti Facebook irraa badanii jiru.

Daddarbannaa jechaa

ODPn erga Dr Abiyyiin muudamanii, ABO maqaa ballessaa ture. ABO Obbo Daawudiin hoogganamu “Shanee” jechuun; WBO’dhaan “Shiftaa jechuun maqaa balleessuu fi yakkoota garaagaraa – dhowiinsa boombii hiriira deggersaa Dr Abiyyiif gaafa Waxabajjii 23 dabalatee – akka qaamni “maqaa ABO”tiin socho’u raawwateetti dubbachaa turan.

Lixa Oromiyaatti,himati akkasii garri caalaan isaanii jiraattota yookaan hooggansa achi jiruun, akkasumas jaarsolii jaarsummaaf deemanii deebi’an kan imalli isaanii rakkoo tokko malee nagaadhaan xumuramuu dubbataniin himata sobaa ta’uun isaa mirkanaa’eera. Haata’u malee, Obbo Adimaasuu Daamxoo, Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa, odeeffannoo sirrii hin taane kan jaarsoliin jaarsummaaf gara lixa Oromiyaa deeman gaafa Mudde 6 WBOn miidhaa irraan ga’e jedhanii OBNf gabaasa kennan. Dhowiinsa Boombii Dirree Masqaalaatti duraan ABO hammeessan iyyuu, , booda irratti qaamni ODP’n wal’aansoo siyaasaa waliin qabu qaama kana godhe hooggantoota Nageenya Biyyalessaa duraanii kan ABUT’iin hidhata qabutti jijjiirame.

Hololli akkasii yeroo ODPn afeerraa mootummaan godheef ABOn fudhachuu dide jechuun himataa ture kan ABOn ibsa yeroo Dr Abiyyiin muudamanii haasaa godhan irratti hundaa’uun baase irratti hundaa’uun baaseen soba ta’uu isaa ibse nama yaadachiisa.

Al-waliigaltee

Waliigalteen Hagayya 7 Eertiraatti mallatteeffame uummata Oromootiif dhimma guddaa kan uummati hiriiraan gammachuu isaa ibsate ture. Hooggantooti ABO akkamitti akka itti fufan irratti bakka bu’oota isaanii ergatan. Obbo Addisuun akka WBOn hiikkatu irratti waliigalle jedhan. Garuu Obbo Toleeraa Adabaa, dubbi himaa ABO, waliigalteen isaanii akkas akka hin taane dubbatan. Obbo Toleeraan akka Ethiopia Insight’tti gaafa Fulbaana 12 himanitti, hireen WBO hoogantootaan kan murtaa’u ta’uudha.

Haata’u malee, waliigalteen kan jiru ta’us, mootummaan WBO adamsuu itti fufee, gaafa Fulbaana 26 Obbo Addisuun gareen maqaa ABOtiin socho’u hooggantoota Kamashii ajjeesan jechuudhaan WBOn hidhannoo hiikkachuu qaba jedhan.

Itti aansuudhaan gaaffiif deebii mormisiisaa TVn Walta Onkoloolessa keessa Obbo Daawud waliin taasisetu dhufe. Hoogganaan ABO hiika gaaleen hidhannoo hiikkachuu jedhu qabu ibsanis, deebiin dubbi himaa mootummaa federaalaa Obbo Kaasahuun Gofee akka dubbatametti hin turre. Yoo isaan ofiin hin hiikkatan ta’e mootummaan humnaan hiikkachiisuuf dirqama jedhanii dubbatan. Jiraattoti karoora mootummaa kana mormuudhaan deebii yeroo kennanitti, ODPn hiriira kanaan “Hiriira Diigamsaa” jedhanii waaman.

Karaa qulqulleessuu naannoo Najjoo; Sadaasa 14; Ermias Tasfaye

Jaarsolii fi abbootiin amantaa uummataa fi WBO mariisisanii erga deebi’anii booda gaafa Sadaasa 14 irra deebiin waliigalteen mootummaa Oromiyaa fi ABO gidduutti mallatteeffamee ture. Garuu WBOn adamsamaa jiraachuun guyyaadhaa guyyaatti dhaga’amaa jira.

Waliigaltee sadaffaanis fuulduratti ta’uun isaa hin oolu, garuu falmiin siyaasaa akka hafu godha kan jedhu ifaa miti. “Yoo mootummaan nageenya nannichaatif dhuguma kutannoo qabaate, mari’achuuf qophidha.” Jedhan obbo Daawud gaafa Mudde 21. Obbo Alamuu Simee ODP irraa yeroo deebii kennanitti, “Kutannoon gama isaanii gaaffii keessa kan galu ta’us, balballi nagaa keenya ammayyuu banaadha” jedhan.

Wal komachuu

Ji’a darbe rakkoo ODP fi ABO gidduu jiru furuun akka gadi bu’e mallattooleen tokko tokko walitti deddeebisuun daddabalaa dhufuu irraa kan ka’e ni mul’atu.

Mudde 4: ODPn akka jedhetti warri ODP gadi buusuu barbaadan uummata Oromoo bakka kan hin buunee fi ergamtoota eenyuu akka ta’an beeku. ABOn guyyaa itti aanu barattoota Yuuniversitii Wallaggaa hiriira ba’an keessaa namni lama human nageenyaa mootummaatiin ajjeefamuu isaanii booda ibsa baaseen “Abidda irratti beenzina firfirsuun Itti gaafatamummaa dagachuudha” jedhe.

Mudde 13: ABOn akka waliigaltecha eegaa jiruu fi mootummaan immoo akka waliigaltecha cabsaa jiru dubbatee gaafa Mudde 15 immoo mootummaan raayyaa ittisa biyyaa baayyinaan gara bakka WBOn jirutti bobbaasa jiraachuu fi ajjeechaa waraana mootummaatiin Moyyaaleetti milishaa fi poolisii Oromiyaa 15, jiraattota 3 irratti raawwateef mootummaa himate.

Mudde 18: ABOn uummati caasaa EPRDFiin erga jibbee kan ture ta’uu fi caasaan mootummaa erga laamsha’ee turuu dubbata. Sababi caasaan kun laamsha’eef rakkoo keessoo isaa ta’uu amanuu dhiisee ODPn kan inni yaalu akka waan sababi isaa ABO ta’eetti jedhee falma.

Mudde 20: Koreen Giddugaleessa ODP tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuun olaantummaa seeraa kabachiifna jedhanii murteessan. Guyyaa itti aanutti ABOn tarkaanfii ofirraa ittisaa akka fudhatu hubachiise. Obbo Daawud gaafa Mudde 21 mootummaan caasaa nageenyaa irratti namoota uummati gaaffii iraa qabu muudan jechuu fi hooggansi ABO akka WBO leenjiirra jiran waliin wal hin quunnammne nu dhorkan kan judhu dubbatan.

Mudde 22: Dr Alamuu Simee, hoogganaa waajjira giddugaleessaa ODP, akka jedhanitti ABOn waliigaltee hojiirra oolche kan hin qabnee fi mormitooti duraanii muudamuun kan deggeramuu qabu malee kan qeeqamu akka hin taane dubbatan. Itti dabalaan, Gaafa Mudde 22 ODPn ibsa baaseen “obbo Daawud lixa Oromiyaatti humna hidhatee nama saamuuf ajjeesu, kan maqaa ABOtiin socho’u hammam beeku?” jedha.

Tarkaanfii

Gaafa Mudde 30, ABOn magaalaa Gimbiitti waajjirri inni haaraa banate waraana mootummaatiin caccabuu dubbate. Akkuma mootummaa duraanii mootummaan namoota ABO waliin walitti dhufeenya qaban hidhuus jalqabeera jedhan.

Fakkeenyaaf, barbaacha isaa Hagayya darbe kan dhaaban, humni nageenyaa qaama maqaa Abbaa Torbee jedhuun beekamu, kan akeekkachiisa erga kennee booda, hooggantootaa fi qaamolee nageenyaa warra uummata miidhaa turan gara 20 ajjeeseera jedhamee haasa’amu barbaacha bifa haaraan jalqaban. Akka mootummaan jedhutti, namooti Abbaa Torbeeti jedhamanii shakkaman qabamaniiru.

Garuu rogeessitootni naannoo Dambi dolloo akka jedhanitti kun itti qabata ittiin Qeerroo bebbeekamoo warra deggertoota ABO ta’an maqaa Abbaa Torbee kennuufiidhaan qabuufi jedhu. Kan dhugaa dubbachaa jiru eenyuun ta’us, qaama aangoo federaalaa akka isaan argatan ga’ee isaa ba’e hidhuun, mormii cimaa ODP irratti ka’uuuf itti gaafatamummaa fudhachaa jiraachuu isaanii agarsiisa.

Qeerroon qaama siyaasa Oromoo keessatti ga’ee guddaa qabu, kan hundumtuu irraa qircachuu barbaaduudha.

Qeerroo jechuun dargaggeessa hin fuune jechuu yeroo ta’u, gareen Qeerroo jedhu kan hundeeffame bara 2011 jarmiyaa ABOtiin dargaggooti bifa qindaa’een mootummaa EPRDF’iin akka mormaniif qindeessuun akka isaan Oromiyaa keessa taa’anii mormaniif ture. Booda irratti Qeerroon bara 2014 keessa baayyee beekamtii kan argate yeroo dargaggootni Oromoo marti mormiitti dabalamani maqaa qeerroo jedhamuun waamamanitti ture.

Garuu Qeerroon bifa gurmaa’een socho’an bal’inaan jiru. Dargaggooti jarmiyaa siyaasaatiin hidhata hin qabne kan bakka mormiin kun barbaachisaadha jedhanitti mormiitti dabalaman yookaan ajaja rogeeyyii deggeran irraa fudhatanii socho’anis ni jiru. ODPnis qeerroo hamma ta’e dargaggoota isaaniif amanamoo ta’an leenjisuun gureessuu yaalaniiru.

Kanaaf jechichi sababa gareen Oromoo Qeerroo maqaa dha’atuuf, yeroo baayyee waliindha’uuf kan gargaaraman ta’ee dargaggoon Oromoo siyaasa keessa seene kam iyyuu akka Qeerrootti of ilaala.

Filannoo 2020?

Walfalmii piroppogaandaa wal xaxaa kanaa fi waan ta’aa jiran bira darbinee yeroo ilaallu, filannoon biyyoolessaa bara 2020 as dhiyaateera.

ABOn naannoo Oromiyaa godinoota baayyee keessatti waajjira banachuu fi hawaasa bakka maratti mariisisuudhaan filannoodhaaf qophaa’aa jira. Garagarummaan Ilaalchi Siyaasaa fi Imaammati jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo gidduu jiru dhiyeenyatti ifa ta’a jedhanii tilmaamuun ni danda’ama.

Garuu waanti nama dhibu, filannoo mana mare Gandaa fi Aanaa waggaa dhufu kana geggeeffamuuf xiyyeeffannoon kennamee socho’amaa hin jiru. Kun immoo ODPn akka aangoo mootummaa sadarkaa gandaa fi aanaa akka inni of harka tursu gochuun gurmaa’insichi ABO fi jarmiyaalee biroof ulfaataa taasisuu danda’a.

Obbo Jaawaar imala lixa Oromiyaa irratti gabaasa gaafa Mudde 30 gadhiisan irratti, mootummaa fi ABOn maqaa walii bal’eessuu dhiisu akka qaban gorse ture. ABOn waajjiroota banachuu, yeroo gabaabaa keessatti WBOn ilaalchaa fi gocha riphee lolaa keessaa ba’uu akka qabu dubbate. Wal amantaa uumuuf koreen waloo ( taskforce) mootummaa naannoo Oromiyaa, ABO, Raayyaa Ittisaa,fi hayyoota irraa haa ijaaramu. Qophiin kabajaa WBO itti galaan Obbo Lammaa fi Obbo Daawud irratti argaman haa qophaayu; isaanis ummata haamari’achiisan.

Humna nageenyaa Oromiyaa waliin walitti dabaluu eegaluuf, WBOn kaambii haa seenan, achitti leenjiin kennameefi erga tasgabbaayani booda haaramadama. Yeroo kun ta’utti, ODPn Qondaalota waraanaa kaasuu ykn bakka biraatti ramaduu fi hooggansa rakkoo uuman kaasuu qabu, akkasumas daangaa kabachiisuuf humna hidhannoo poolisii Oromiyaa cimsuu qabu jedha.

Gaaffiif deebii Jaawaar waliin godhame irratti sababa karoorri ifaan kan hin jirre ta’uu isaa fi kallattii quunnamtii hawaasaa sirriitti hoogganuu dhiisuu mootummaatiin adeemsi WBO hiikkachiisuu fi walitti dabaluu ‘badeera’ jedhe. “ODP fi ABOtti gadi buusan, irradeebii 1990’ootaa, kan uummati Oromoo yaadanno badaa itti qabu.” jedhe.

Amma mootummaan holola irra jiru qabbaneessuu fi ABOn karaa nagaan akka hirmaatuuf hiikkachiisuu qaba, ABO ala gochuun miidhaa kan fiduu fi bu’aa argamuu qabu kan dhabsiisu sababa ta’eef. “ABOn filannoo keessa akka hin seenne irraa dhiibuun filannoon ifaa fi bilisaa dhibuu kan agarsiisuu fi gara jeequmsaatti kan oofuudha” jedhe Mudde 31.

Kun immoo rakkoo guddaa jaarmiyaa biyya bulchaa jiru kan fudhatama gadi bu’aa qabu kanaaf uuma. Haala kana ODPn of bifa haaraadhaan of ijaaree qaama ABO ofitti simachuudhaan salphisu danda’a, adeemsi akkasii Oromoo baayyee biraa deggersa akka argatan taasisa, jedhe.

“Uummati kan barbaadu WBOn akka humna nageenyaa Oromiyaatti dabalamuudha. Waraana hin deggerani, riphee lolaan akka achi jiraatu hin barbaadani, jireenya isaanii isa sirrii jiraachuu barbaadu. Caasaan mootummaa kan laamsha’e yeroo mormii keessa ture. Diinagdeen naannoo lixaatti rakkoo keessa jira, namooti rakkoo keessa jiru. Sagalee tokkoon maaloo kana nuuf xumuraa jechaa jiru.” jedhe Jaawaar.

Filannoon biyyaalessaa darbuu hin qabu

Hanga ammaatti waliin hojjechuuf murteen jiraachuu mallattoon agarsiisu hin jiru. Obbo Daawud filannoon biyyolessaa yeroo isaatt geggeeffamuu qaba jedhanii dubbatan. Caasaan mootummaa laamsha’uu isaatiif ABO komate, ABOn garuu caasaa mootummaa kan laamshesse mormii Dr Abiyyii taayitaatti fideedha jedhan.

Jarmiyaaleen siyaasaa biyya alaatii deebi’an kan galmaa’an kan hin jirre ta’us, ABOn akka jaarmiyaa beekamtii qabuutti of ibsaa jiraachuu isaatiin akka inn galmaa’uuf dhiibbaa guddaan mootummaa irratti ni ta’a.

ABOn erga biyyatti deebi’anii gaafa Fulbaana 30 jaarmiyaa siyaasaa Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) wajiin tokkooman. KFO, jaarmiyaa mormitootaa kan Dr Marara Guddinaa fi Obbo Baqqalaa Garbaatiin hoogganamu, waliin hojjechuufis kan waliigalan yeroo ta’u gara fuulduraatti dhimma tokkoomuu irratti kan mari’atan ta’uu beeksisaniiru. Jaarmiyaan siyaasaa Obbo Galaasaa Dilbootiin hoogganamu,ABO-QC, gaafa Mudde 29 kan biyya seene yeroo ta’u, ammaaf eessatti akka goru hin beekamne.

ODPn hamma danda’ameefitti dhaabota ABO fi KFO irraa adda ba’an waliin walitti dhufeenya uumuuf yaalaa jira. ODPn jaarmiyaalee siyaasaa ADO, kan Obbo Leencoo Lataatiin Hoogganamu fi Kongiresii Biyyaalessa Oromoo, kan KFO irraa fottoqe waliin tokkoomee jira. ATWO, kan General Kamaal Galchuutiin hoogganamuu fi ABO-T kan Jeneraal Haayiluu Gonfaatiin hoogganamu waliin immoo hojjechaa jira.

Adeemsi kun immoo jaarmiyaalee siyaasaa ciccimoo lama uuma: tokko aangoo deggersa uummataa fi kan biraan aangoo mootummaa kan qaban.

Haata’u malee ODPn akka ABOn lixa Oromiyaa bakka tokko tokkotti mootummaa jedhee of waamutti dubbata—dhugaatti immoo qabsoon uummata naannichaa bakka bu’uu kan jiruu fi kan itti fufaa jiruudha.

Jaawaariif, adda bilisummaas ta’e ODPn tapha isaanii jijjiiruu akka qabaniidha. “ABOn akka lolli mootummaa wajjinii dhaabate fudhachuu qaba. Amma sochii mormuu irraa gara jaarmiyaa siyaasaa filannoo moo’atee biyya bulchuu danda’uutti of jijjiiruu qaba. Hidhannootti rarra’uudhaan immoo kana gochuu hin danda’ani. Hidhannoo lafa kaa’anii humna jaarmiyaa isaanii jabeeffatanii deggersa uummataa qaban hojiitti jijjiiruudhaan filannootti moo’icha argatanii itti gammaduu qabu,” jedhe.

Haasaa Yuubaa Odaa Kaarraa, Abbaa Gadaa Odaa Kaarraa duraanii waa’ee muuxannoo isaanii bara dargii irraa eegalee.

Ani hooggansa gadii ABO kan dame barnootaan ture. Bara 1983 Dambi Dollootti Kaampii Meexxii kan namooti tokko tokko Borxaa jedhanii waaman akka deemnuu fi akka ABOn hidhannoo hiikkatee humna nageenyaatti dabalamnuuf jedhanii nu geessan, isaan garuu humna nageenyaatti nu dabaluu dhiisanii, nu namoota 20,000 taanu, deggertoota dabalatee, Waraanni wayyaanee humnaan geessanii laga dhidheessaa fi bosonatti keessa nu ari’an. Namooti baayyeen hidhamanii baayyeen ajjeefamaniiru.

Waanti hundumtuu bara 1970 yeroo mootummaan dargii afaan keessan dagaagfachuu, aadaa keessan dagaagfachuu dandeessu jedhe. Namooti mirga argatan kanatti fayyadamne baayyeen keenya ni hidhamne. Lammata 1983, dhaaboleen dhufanii dhaabolee kana keessaa abbaa feetan duukaa hiriiraa jedhan. Namni hundi ABO duukaa hiriire, haata’u, sanaan du’a, hidhaa, miidhamatu nurra ga’e.

Sadaffaan yeroo filannoo bara 1997 ture. Yeroo sana namni hundi dhaaba Obbo Bulchaa Dammaqsaatiin hoogganamu kan WFDO jedhamu filate. Kun immoo akka Laaloo Assaabii qofatti hidhamuu namoota 5000 fi namooti 365 akka Dhidheessatti geeffaman taasise.

Arfaffaan, inni yeroo ammaa, Obbo Lammaa fi Dr Abiyyiin ABOn akka biyyatti galee akka dhaaba siyaasaa tokkootti seeraan dorgomuuf affeeruu isaaniitti baayyee gammadne. Hundi keenya Obbo Lammaa fi Dr Abiyyii baayyee jaallanne, suuraan isaanii mana baayyee keenyaa keessa jira.

Garuu har’uma yeroon dhufaa jiru kanatti, waraannni mootummaa karaa bira waa barbaachaa deemu asiif achi ilaalaa deemu. Maal barbaaduu?

Nuti duraan wayyaanee warra akka Abbaay Tsahayyee komachaa turre, ammammoo ajjeechaa, rebichaa fi hidhaa jiruuf eenyuun komannaa? Enyuun komannaa?

Waanti alaa nu yaaddessu hin jiru. Yaaddoon keenya ODP mataa isaati. Sammuu isaaniitti deebi’uu qabu.

Query or correction? Email us

Suuraa muummee: Obbo Baqqalaan yeroo dirree kubbaa miillaa Najjootti hawaasa mariisisan; Sadaasa 14; Ermias Tasfaye.

Published under Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International licence. Cite Ethiopia Insight and link to this page if republished. 

Related Insight

Jan 1, Team Lemma’s choice: power or peace?

Nov. 30, Oromia police killed near Benishangul-Gumuz as violence continues

Nov. 16, Turmoil blocks aid as communal conflict rages in gold-seamed Benishangul-Gumuz

Nov. 10, Several killed by police in Nekemte after protest over attacks on Oromo

Oct. 30, Rallies held in Oromia over threat to disarm OLF

Oct. 4, Tens of thousands flee Benishangul after Oromia border dispute flares

Aug. 14, Oromo political victory masks volatile region as liberation front presses claim

We need your support to deliver news from across Ethiopia

Please help fund an Ethiopia Insight reporter

About the author

Ermias Tasfaye

Ermias is an Ethiopia Insight reporter and administrator. Based in Burayu town in Oromia, he also does research and translation work.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

3 Comments