Elections 2021 Ethiopian language In-depth

EIEP: Moo’ichi Paartii Badhaadhinaa, moo’atamuu Oromiyaa — fi Itoophiyaati

Xiyyeeffannoon muummicha Ministeeraa Abiy Ahmed tokkummaa ta’us, eenyummaa siyaasa Itoophiyaa fi kan Oromoo walitti araarsuu sababa dadhabeef, waadaa seene sanaaf jiraachuu hin dandeenye.

Barruun kun qaamaa gabaasa Pirojektii Filannoo Itoophiyaa Insaayiti (EIEP) ti.

Filannoo bara 2015 paartiin biyya bulchaa ture, Addi Diimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI’n) guutummaa guutuutti moo’achuusaatti aansuun fincila uummataa Oromiyaa keessatti dho’ee ture booda, Eebila bara 2018tii keessa Abiy Ahmed muummicha ministeeraa ta’ee muudame. Fincilli bara sana dho’e, boodarra naannoo Amaaraa fi naannolee birootti babal’atee mootummaa raasee akka inni qondaalota biyyattii fi naannolee jijjiiru dirqisiise.

Kun Abiyyiif, furgugge ol ka’iinsaa isaaf ta’e.

Muummichi haarawaa, kana dura Koloneela Humna Raayyaa Ittisaa fi qondaala ol-aanaa humna odeeffaannoo biyyattii kan ture yoo ta’u, bara 2010tti miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan federaalaa ta’uun bara 2015-16 ti ministeeraa saayinsii fi teeknoolojii federaalaa ta’ee ganna tokkof tajaajileera. Akkasumas Onkoloolessa, bara 2016tti hogganaa biiroo misooma magaalaa fi manneen Oromiyaa ta’uun muudamu isaatiin booda bekkamtii argataa dhufe. Yeroo kana paartii ADWUI keessatti itti aanaa duree Dhaabbata Dimokiraatawa Ummata Oromoo (DhDUO) ta’uun pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa duraani Lammaa Magarsaa hogganamu jalatti hogganaa waajjira dhaabaa ta’uun hojjete.

Yeroo ol-ba’aa turetti, Abiy, afaan finciltootaa dubbataa ture. Qabsoon fincila diddaa uummata Oromoo guddataa yeroo adeeme, inni immoo TV Oromiyaa, talavizyina mootummaa naannoo Oromiyaa, kan amma OBN jedhamee moggaafame, irratti irradeddeebiin dhiyaachuun haasawa gochuu baayyise. 

Sadaasa 28 bara 2016ti, leenjii dandeetti raawwachiistummaa qondaaloota mootumma olaanoof qophaahe ture irratti, yaada isaa Talavizyina Oromiyaa irratti dhiyaachuun af-gaaffii godheen “ummanni Oromoo carraa guddoo nuuf uumee jira, kanatti gargaaramnee halkanii-guyyaa hojjechuun gaaffii ummata keenyaaf deebii kennuutu nurra jira.” jedhee dubbate. Kunis, waadaa Abiy ifatti uummata Oromootiif galaa ture baay’ee keessaa isa tokkodha.

Kana irraa ka’uun, Uummati Oromoo Abiyyiin akka nama ADWUI keessaa taa’ee dura dhaabbatee isaaniif falmuu jalqabeetti ilaalani. Bekamtiin isaa dabalaa dhufe, keessumaa magaalota qarree Finfinneetti argaman, qotee-bultooti Oromoo baay’een sababa baba’ina magaalaa guddittiitiin lafa isaanii dhaban keessa jiraatan keessatti. 

Beekkamtiin Abiyyi haasawaa inni mana maree bakka bu’oota ummata irratti haasaween beekamtii horachuu itti fufe. Hasawaa isaa Waxabajii bara 2018tiin, eegii aangoo qabatee baatii lama kan hin gutne keessatti godheen, adeemsa mootummaa ADWUI cabsuu fi tuffachuun, badiiwwan kana dura dalagaman maraaf dhiifama gaafatee, gocha san balaaleffachuun gocha “shororkessummaa” jechuun yaame.   

Dhaabbata Adda Bilisummaa Uummata Tigirayiin (ABUT), kan baay’inaan ADWUI keessatti ol-aantummaa qabaachaa akka turetti hubatamuu fi kanarraa ka’uunis, yeroo dheeraaf paarticha fi biyyatii harkati galfatee bara 1991 iraa kaasee olaantummaan geeggeessa akka turetti dhaabbata ilaalamu kan ta’e, ciigoodhaan waraanuuf, jechoota kanneen akka ‘waraabessa guyyaa’ fayyadamaa ture.

Adeemsichi kan gargar bittinneessu ta’us, adeemsisaa akka Oromooti baay’een aarsaa kaffalaa turaniif bu’aa kan argatan, barri abbaa irrummaa kan xumurame fi uummati Oromoo wal-qixxummaadhaan tajaajilamuu akka dand’aniif gaaffiin isaaniis akka biyyaatti deebi akka argatuuf karaan kan baname itti fakkaatee ture.  

Abiyyi seeroota walfalmisiisoo ta’an irra deebiin akka ilaalaman gochuun, dirree siyaasaa daran babal’isuu, mirgoota ilma namaa kabajuu fi filannoo gitaa fi walaba ta’e geggeesuuf kakate.

Oromiyaa keessa dharraan ture ifaadha. Garuu gammachuun sun oolee hin bulle.

Rogeessi jiraataa qarqara kibbaa Finfinne kan ta’ee fi kan fincila uummata Oromoo isa Abiyyi gara aangootti akka dhufu gargaare, keessatti adda durummaan hirmaachaa ture tokko yeroo Itoophiyaa Insaayititti dubbatu, “Ijibbaataa guddoo booda yeroo dhumaatiif boqonnaa arganne jennee yaadnee turre… ifa barii harawaaatu nuuf ba’e seene. amma garuu…, dukkana hamaan liqimfamnee jirra” jedhe. 

Sabboonummaa wal-dhiitaa

Abiyyi ummata qabsaawe gara aangootti isa fidetti dugda galfachuuf ooleeyyuu hin bulle.

Fakkeenya, muummicha ministeeraa ta’ee torban sadii booda, walgahii hayyoota naannoo Amaaraa waliin 21 Ebla, 2018, magaalaa Baahir daariitti godheen “sabboonummaan Oromoo ummata guddaa gadi xiqqeessee gandatti galche” jechuun tuffii qabu agarsiise. 

Achi irraa qabee, duullii sabbonummaa Oromoo irratti baname saffisaan dagaagee ummata Oromoo danuu irratti rakkina cimaa dhaqabsiisuu eegale. Filannoon Itoophiyaa Waxabajii 21 geggeeffame, sagalee ummatichaa ammas moggaatti kan dhiibe, bu’aadhuma imaammata kanaati. 

Akka itti as geenye hubachuudhaaf, kan ilaaluu fi calaqqisiisuun nama tokko irraa eegamu, kanneen akka, jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fi sabboontootni Oromoo jajjaboon biyyatti deebi’uu; Mootummaan Abiy bifa isa kan Melles waliin walfakkaatuun sochii mormitoota naannicha keessa jiran irratti tarkaanfii inni fudhate; Tarkaanfilee fi dararaa Oromiyaa keessaa; dhiibbaa xiin-sammuu hooggansa Oromoo fi sababa jeequmsa siyaasaatiin lubbuulee badan, sababa walittibu’iinsa saboota gidduutti uumamenis ta’e kan sabuma tokko keessatti uumameen walqabate kan dabalate jechuudha. 

Hogguu mudannoo fi taateewwan bara 2018ti as jiran calaqqisiifnu, wantii baayyee baayyee barbaachisaan, ilaalchota wantoonni kunneen akka toora galanii mudatan godhe dhawaataan ilaaluunis barbaachisa. 

Yaadoota sabboonummaa waldidan, addatti ilaalchoti Oromummaa fi Itoophiyaawwiinnet — kan, salphaadhumatti jarreen leellistoota Itoophiyaa sab-tokkee fi federaalizimii sab-daneessaan walqabate — gidduutti falmii yeroo dhiyoo asitti bakka dhuunfatee jiruudha. Itoophiyaa keessatti Oromoo ta’uu jechuun jijjiiramaa jira — jijjiramichi immoo ummaataa fi siyaasa gargar fageesseera. 

Rakkoon kun walxaxaa ta’aniis, barbaachisummaan karaa marii hundagaleessa biyyaalessaatiin furmaata itti gochuu ifaadha. Waanti nama gaddisiisu garuu hanga ammaatti waantota argineen yeroo madaallu, Abiy—kan paartiin isaa Paartiin Badhaadhinaa filatamee jiru — kana gochuuf fedhii kan hin qabne ta’ee mul’ata. 

Paartii biyya bulchu Badhaadhinaa

Mormitoota Oromoo baayy’ee biratti, sanyiin kufaatii filannoo bara kanaa kan facaafaman gochoota akka fiixa ba’umsa ciccimoo ‘mootummaan jijjiiramaa’ hojjechaa tureetti kanneen baay’inaan farfatamaa turaniini. 

Sadaasa bara 2018 keessa, Abiy hooggantuu Boordii Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa (BFBE) gochuun Birtukaan Miidhegsaa, hooggantuu paartii mormituu Itoophiyummaa sab-tokkee irratti xiyyeeffatu kan turte, muuduudhaan nama baay’ee ajaayibsiise. 

Innis murtee wal-falmisiisoo ta’an kanneen bu’aa filannoo Waxabajjii darbee bocan keessaa is duraati. 

Mudde 2019 keessa, Abiy ABUT’n alatti dhiisuun, paartilee miseensota Adda Diimokiraasummaa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) hundaa fi paartilee deggertootaa naannolee shan bulchaa turan Paartii Badhaadhinaa (PB) jalatti walitti baqse. Paartiin Diimokiraasummaa Oromoo (PDO), paartii Oromoo miseensa ADWUI kan ture, Paartii Badhaadhinaatin (PB) liqimfame. 

Qofaa isaatti, liqimfamuun isaa paartileen mormitootaa Oromoo sirna ADWUI’n ala jiran carraa ittiin PB dura dhaabbatan hin qabaatan jechuu miti. Mormii uummataa waggootaaf ture, hacuuccaa Oromiyaa keessaa jiruu fi wal-waraansa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi waraana mootummaa (federaalaa fi naannoo) gidduu jiru irraa kan ka’e PDO’n (duraan, Dhaabbata Diimokiraasummaa Uummata Oromoo, DhDUO, kan ture) durumaanuu marqamaa kan ture.  Beekamtiin paartichaa durumaanuu ol-ka’ee kan hin beekne ta’us, caalmaatti kufe. 

Gama biraatiin immoo, bara 2019 keessa, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), jaarmiyaa siyaasaa hiree murteeffannaa uummata Oromootiif dhaabbatu, fi Kongiresiin Federaalaa Oromoo (KFO), deggersa guutummaa Oromiyaa keessatti qabaniin ofitti amanamummaa qabu.  

Bilisa ta’uu BFBI utuma shakkanii iyyuu, miseensoti ABO fi KFO filannoon biyyattii gara diimokiraasiitti ceesisa jedhanii abdii godhatanii turani. Amajjii bara 2020 keessa, Carraa isaanii daran guddisuuf, hooggantooti isaanii Oromiyaa keessatti sagalee akka hin qircanneef wal-ta’uu irratti waliigalan. 

Caamsaa bara kanaa keessa, jiraataan Buraayyuu tokko gaaffiif deebii Itoophiyaa Insaayit waliin taasise irratti ofitti-amanamummaa isaanii kana jala muree: “Biltsiginnaan (Afaan Amaaraa. Badhaadhina) akka gita KFO fi ABO hin taane of beeka… PBdhaaf, isaan keessaa kamiinuu waliin dorgomuu jechuun, qilleensa hammaaruu jechuudha.” 

Dorgommiin PB teessuma paarlaamaa federaalaa 178 naannichi qabu irratti ABO fi KFO qofa waliin miti. Magaalaalee gurguddoo, naannawaa Finfinnee dabalatee, keessatti paartiin aangoo qabu paartilee mormitootaa sabboomummaa Itiyoophiyummaa sabtokkeef dhaabbatan, kanneen akka Haqa Hawwaasummaa Lammilee Itoophiyaa (EZEMA) qoramaa itti turan. 

Abiyyi dorgommii kana akka salphaatti hinfudhanne.

Akkuma hubachuun danda’amu, Oromiyaa keessatti dirreen siyaasaa yoo baname — Sabboonummaa Oromootiif bakki yoo kennamee fi sochiin diimokiraatawaan paartilee mormitootaaf yoo eyyamame — aangoo PB rakkoo keessa sababa galchaniif, uggurri haaraan hojiitti seene.  

BFBIn seera filannoo biyyattiin qabdu haaromsuun qajeelfamaa fi danbii paartilee siyaasaa ittiin galmeessan qopheesse. Labsii lakk 1162/2011 jalatti kanneen akka haaldureewwaan walxaxoo mallattoo fi bakka jireenya miseensota hundeessitootaa raga namootaatiin qulqulleessuu dabalatee — adeemsa guuttachuuf danqaa ta’uu, odeeffannoo seecca’uuf fi hanqina hojjetootaatiin rakkataa turuu boordichi ofuma isaatii iyyuu amanee ture.    

Deggertooti mootummaa Abiy, moggaasa bilisummaa haaraa boordichi argate jedhuun dibbee rukutaa turanis, mormitoota ijoo muummichaatiif garuu jireenyi akka ulfaatu taasiseera.  

ABO fi KFOn kan isaan irra gaa’an, Abiy BFBItti Burtukaaniin muuduu fi caseffama BFBE bifa haraan akka qindaa’u kan taasisuun, moo’uuf akka isa gargaaruuf kaayyeffateeti kan jedhuudha. Bara 2020 keessa, amantaan adeemsicha irratti qaban caalmaatti kufe, kunis, sababa filannoon irra deddebiin darbee fi yeroon aangoo mootummaa dheeraffamuun — tarkaafii jaarmiyaalee mormitootaa Oromoo, ABUT fi kanneen biroon mormame 

Rakkoon BFBI paartiilee siyaasa morkattoota ijoo, ykn sadarkaa biyyaalessaatti dorgoman qofa waliin hin ture.  Sadarkaa naannotti, jaarmyaalee siyaasaa Oromoo xixiqqaallee yeroo galmeessa paartileetti danqaan isaan mudachaa tureera. BFBI paartilee morkattoota siyaasaa Oromoo gara 12 ta’an galmeessuu dhiisuun waraqa beekamtii dhorkate.

Isaan kana keessaa, jahan saanii, Adda Bilisummaa Tokkummaa Oromoo (ABTO), Adda Bilisummaa Oromoo Abboo (ABOA), Adda Dimokiraatawaa Bilisummaa Oromoo (ADBO), Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo (ATBO), fi Gamtaa Dimokiraatawa Oromoo (GDO) wal ta’uun baaatii Amajjii keessa mana murtiitti BFBE himatan.  

Yeroo Manni Murtii Olaanaan Feederaalaa murtoowwan BFBEn jaarmiyaalee tokko tokkoo irratti murteessee ture kuffisutti, BFBIn immoo ol iyyannoo gara mana murtii waliigalaa federaalaatti geeffachuun dura dhaabbate. Wal-falmiin baatii Amajii irraa hanga baatii Eblaatti kan ture yeroo ta’u, Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa jaarmiyaaleen GDO fi Paartii Gadaa Bilisummaa Oromoo (PGBO), kan qofaa isaatti BFBI irratti himata banee ture, akka galmaa’an jechuun  BFBIf ajaja kennee turus, kanarraa ka’uunis, filannoo sana irratti morkachuu osoo hin danda’in  hafaniiru.

Gocha BFBIn godhe irraa kan ka’ee, paartiilee siyaasaa 33 biyyattii keessaa sadarkaa naannootti galmaa’an keessaa tokkollee kan Oromoo ilaallatu hin jiru. Bifa walfakkaatuun, Oromoon sadarkaa biyyaalessatti Oromoon dhaabbilee sadiin qofaan hafe: ABO, KFO, fi Sochii Bilisumma Oromoo (SBO), kan eegi hundeeffamee reefu ganna lama ta’ee fi filannoof qophii taasise kan hin qabne ta’uu kan himate, fi Oromiyaa keessatti PB waliin dorgomuuf kaadhimamoota lama qofa kan dhiyeefateedha.

Paartileen jiran cufti dhiibbaa isanirra ga’aa turee fi BFBI iraa gargaarsa dhabuu saanii komachaa turaniiru. Boordichi yeroo sadiif filannoo dheeressus, tokkonsaallee komii morkatoota waliin kan walqabate hin turre.

ABO fi KFOn, fakkeenyaaf, waa’ee gidirfamuuf hidhamuu miseensoota isaanii fi cufamuu waajjiraalee isaanii BFBItti iyyatanii turan. KFOn miseensonni gameeyyi fi qondaaltonni isaa 300 ol ta’an karaa seeraan ala ta’een jalaa hidhamuun manneen hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu isaanii fi waajiraalee 200 ol ta’an naannoo Oromiyaa keessaa fi Oromiyaan alaa jran jalaa cufamuu dubbateera.  

Gaafa Bitootessa 3, KFOn, sababa hoggantoota hedduun, kan irra caalaan isaanii immoo waxabajii 29 bara 2020 ajjeechaa gaddisiisaa weellisaa kabajamaa Hacaaluu Hundeessa irratti raawwateen booda, akka hidhaman ibsuun filannoo irratti hirmaachuu akka hindandeenye beeksise

Beekisisa KFOtti aansuun guyyoota muraasa booda, ABOnis akkasuma sababoota filannoo keessaa akka ba’u taasisan heddu tarreessee dhiyeessun, filannichaan “al-filannoo” dimookiraatawaa hin taane jechuun balaaleffate.

Bitootessa 4 bara 2021, KFOn ibsa kenneen, BFBIn deggeraa mootummaati jechuun himate. Waajjiraaleen isaa akka banaman, miseensonni isaa akka gadlakkifaman, yeroon filannoo dheeratee akka dursi marii waliigala biyyaalessaaf kennamu gaafate. Paartiileen kunneen waan qabatamaa hindhiyeessine jechuun BFBIn deebii kenne.

Liigiin Mirga Namooma Gaanfa Afriikaa (LMNGA) Bitootessa 24, bara 2021ti gabaasa baaseen miseensoti ABO fi KFO hidhamuu fi bakkoota gara garaatti cufamuu waajjiraalee isaanii mirkaneeffadheera jedha.

Dhaabbatichi xalayaa fuula 39 qabu kan ABOn gaafa 7 Mudde, bara 2020ti BFBIf barreesse wabeeffachuun qondaaloti isaa 20 fi miseensooti olaanoon 119 waajjira muummicha irra qabamani hidhamuu ibse. Walumaagalatti miseensonni 880 hiidhamuu fi waajjiraaleen 103 ta’an Oromiyaa, Finfinnee, Dirree Dhowaa, naannoo Amaaraa Wolloo, fi Beenishaangul Gumuzi keessaa cufamuu ibseera.

LMNGAn cuunfaa gabaasa isaatiin, rakkooleen ABO fi KFO mudachaa turan karaa itti yaadamee fi toftaa qindaa’aa kan kaayyoon isaa “dhiibuun taphaa ala isaan gochuuf” PB’dhaan qophaa’e irraa kan ka’eedha jedha. Kaadhimamtoota ABO fi KFO ta’uu kanneen danda’an hundi jechuun sadarkaa danda’amutti hidhaatti guuraniiru jedha.

Baatii Eblaa bara kanaa, ABO-Gamtoome (ABO-G), gamtaa dhaabota ABO irraa fottoqan, ABO-Qaama Cehumsaa (ABO-QC fi ABO-Tokkomme, irraa ijaarame, yeroon filanno akka dheeratuuf BFBI gafate ture. Inis BFBIn loogii kan qabuu fi ta’e jedhee paartilee siyaasaa ummata Oromoo bakka bu’an dhabamsiisee, paartiilee “cichitoota finxaaleyyin biyyaalessummaa”, jechuun ABO-Gn kanneen waame, deebisee gara aangootti akka dhufaniif haala mijeessaa kan jiruudha jechuun yeroo komatu, boordichi komii kana haaleera. 

Gaafa Waxabajii 21, Oromiyaa keessatti, PBn buufata filannoo 170f, bakka filannoon itti geggeeffamaniif kaadhimamtoota isaa dorgommiif hirrirse. 

PBn ala, kaadhimamoota dhuunfaa 11 buufata filanno sagaliif, paartilee morkattoota saddeet buufata filannoo 58tiif, kadhimamoota 84 kan dhiyeefatan yoo ta’u: IZEMAn (46), Sochiin Biyyalessa Amaaraa (SBA)(6), Paartiin Labata Harawaa (PLH)(12), Paartiin Bilisumma fi Walqixumma (PBW)(8), paartiin Innaat (5), Paartiin Dimokiraasii Hawaasa Itoophiyaa (PDHI)(5), Dhaabbannii Tokkumma Itoophiyaa Maraa (DHTIM)(3), fi dhaabbanni maqaa Oromootiin socho’u takko, Sochiin Bilisummaa Oromo (SBO)(1) — kan qofaa isaa deggeraa federaalizimii sab-daneessaa kan ta’e.

Oromiyaa keessa naannolee filannoo 170 morkiin irratti geggeeffamu keessaa, paartiin biyya bulchaa jiru morkataa tokko malee kophaa isaa naannolee filannoo 103 irratti dorgome. 

Akka biyyaalessatti filannoon naannolee filannoo 547 jiran keessaa 446ti geggeeffame, ummata filannoof galmaa’e miiliyoona 37 keessaa %90 ol bahee sagalee akka kennetti himameera. Filannoon noonnolee Itoophiyaa 10 keessaa naannolee sadii keessatti hin geggeeffamne.

Ummata naannoo Oromiyaa waliigalaa keessaa %46 kan ta’u filannoo irratti hirmaachuuf gahiinsa ni qaba. Akkaataa gabaasa BFBItti ummanni miiliyoona 15.3 (sagalee kennuu kan danda’an keessaa %83) galmaahaniiru, ummanni miiliyoona 14.7(sagalee kannuu kan danda’an keessaa %80) ta’an sagalee kennanii jiru. 

Abiyyi “mucuca lafaatiin” injifate, Paartiin Badhaadhinaa teessumma 436 mana maree keessa teessumma 410 qabate jechuun miidiyaaleen baay’een gabaasan. Kanneen PB waliin paarlamaa seenan, naannoo Amaaraa irraa kaadhimamtoota SBA shani, naannoo uummattoota kibbaa irraa kaadhimamtoota IZEMA afuurii fi, Paartii Dimookiraasii Ummata Geedi’oo (PDUG) namaa lamaa, fi akkasumas namoota dhuunfaan dorgoman afuuri. 

Oromiyaa keessatti. Paartiin Badhaadhinaa (PB), teessumma mana maree bakka bu’oota federaalaa 170 keessa 167 yoo injifatu, teessumni irraa hafan morkattoota dhuunfaan qabamaniiru. Isaan dhuunfaan teessuma argatan keessa lama qondaalota jaarmiyaalee ABO irraa foxxoqanii bahan kan turan — Galaasaa Dilboo, hayyuu duree ABO-QC, Diimaa Nagawoo, itti aanaa Adda Dimokiratawaa Oromoo (ADO) duraanii fi Ustaaz Kaamiil Shamsuu, rogeessa Oromoo fi dhimma musiliimotaaf falmuun beekkamuudha. Paartiin biyya bulchaa jiru teessumma caffee mootummaa naannoo Oromiyaa 513 guutummaati injifate jira.  

Waxabajii 10, Burtukaan “filannoo fudhatama qabeessa geggeessuu dandeenyeera” jechuun labsite.

Abiyyi Itoophiyaanoota maraan “Itoophiyaanoonni dhiibbaa tokko malee bilisaan bahanii filachuun injifannoo galmeesisanii jiru” jechuun baga gammaddan jedheera,

Naannolee Itoophiyaa keessa jiran keessaa bal’ina lafaatiin kan caalu fi ummati baay’inaa miiliyoona 40 ol ta’u kan keessa jiraatu, ykn akka biyyaatti baay’ina uummataa %35 ol kan qabate (qooda guddaa kan qabate), Oromiyaa, keessatti, mirgi jaarmiyaalee PB irraa adda ta’an filachuu dhorkameera jechuun ni danda’ama. Namoota baay’ee biratti filannichi, filannoo “haqa qabeessa” bara 2018ti Abiyyi waadaa galerraa baayyee kan fagateedha. 

 Naanneffata borcame

Furguggifamee ol ka’uu Abiyyii fi mucucaan moo’achuu isaa gidduu murtoowwan garagaraa walitti fufiinsaan miidhaa guutummaa Oromiyaa keessatti qaqqabsiisaa dhufantu jiru. 

Waxabajii bara 2018ti, Abiyyi sochii jabaa godhe: manni maree isaa garee riphee loltoota sadii tarree shororkeesitoota Itoophiyaa keessaa haquu murteesse. ABOnis gara Finfinneeti akka deebi’u afeerame.  

ABO bara 1973ti, qabsoo bilisummaa Oromoo uummatni Oromoo mootumma Impaayiraa ittiin ofirraa loluuf geggeessu hogganuuf akeeka jedhu qabatee hundeeffame. Bara 1980’oota keessa, gareen riphee lolaa kun mootummaa Darguu kuffisuuf qabsoo godhamaa ture keessatti hirmaachaa kan turee fi garee ABUT fi Adda BilisaummaaUmmata Eertiraa (ABUE) waliin hanga bara 1989ti hariiroo laaffataa qabaachaa kan tureedha. 

Bara 1989ti, hoggantoonni ABUT paartii Adda Dimokiraasummaa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) paartii Sochii Dimokiraasummaa Ummata Itoophiyaa (SDUI) kan booda maqaa jijjiratee Sochii Dimookiraasumma Biyyaalessa Amaaraa jedhame waliin ta’uun hundeessan. Innis gaaddisa dhaabbilee hedduu, DHDUO (booda PDO jedhame) dabalatee, sabaa fi sablammoota garagaraa irraa kan hundaa’u  akka ta’u taasifameera. 

ADWUI fi ABO, riphee loltoota biro waliin ta’uun, mootummaa cahumsaa yeroo ijaaran, ADWUIn akka ABOn yaada fottoqqi dhiisu itti cichuun dhiibuu eegale. 

Hanguma qabsoo ABOn geggeesu moggaatti dhiibamee, hariiroon isaan gidduu tures cabee gara jeequmsaatti cehe. ABOn akka maqfatuu humnaan dhiibuun itti fufe, miseensonni isaas Eeritiraatti baqatan. Achi yeroo jiranitti, dhaabicha irraa fofottoquun mudatullee, hidhannoodhaan  mootummaa ADWUI dura dhaabatanii qabsaa’uu cichanii itti fufani — hanga Abiyyi bara 2018ti gara biyyatti akka deebi’an isaan afeereetti.

Ginboot 7, garee leellistoota Itoophiyummaa ADWUIn filannoo bara 2005nii hate jechuun gara qabsoo hidhannootti kan seene, fi ABO tarree shororkeessuummaa irraa haqe. ABO tarree shororkeessumma irraa haquun isaatiin deggersi Abiyyi Oromiyaa keessatti qabu daran dabale.

Ta’ullee, dhaabbileen kunneen deebi’anii galuu isaaniin walqabatee dambaliin jeequmsaa dammaqe. Deggertootni Ginboota 7, alaabaa bifa ‘magariisa—keelloo—diimaa’ ta’een magaalaa Finfinnee miidhagfatani hoggantoota saanii simatani. Torbee booda yeroo deeggertoonni ABO bifa walfakkaatuun hoggantoota isaanii simachuuf alaabaa ofii isaaniitiin miidhagsaa yeroo turanitti loolli irratti baname. 

Ummataa simannaa ABOf gara magaalaa Fifinneeti yaa’e; 15 Fulbaana, bara 2018; Ermias Tasfaye tiin

Mootummaan akkaataa waliigaltee kaa’ameetti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), damee waraanaa ABO kan ta’e, adeemsa hiikkachuu, birmadoomsuu fi deebisanii-dhaabuu (HBD) hojiirra oolchuu hin dandeenye. Qooda kanaa, qondaalota Beenishangul-Gumuz afran Fulbaana bara 2018 keessa ajjeefaniif WBOtu ajjeese jechuun quba itti qabuu eegaluun, godinaalee lixaa fi kibbaa Oromootti yeroo muddamsaa labsee, WBO humnaan hiikkachisuuf tattaafachuu eegale. 

Namoota hidhataniin qondaaloti Gumuz afur godina Wallaga Lixaatti ajjeefamuun walqabatee, jeequmsi bal’aan godina Kamaashi naannoo daangaa Oromiyaatti dhohe. Ajjeechaan kun kan ta’e, partiin mormaan Sochii Bilisummaa Ummata Beenishanguul (SBUB) jedhamu miseensotni ABO uummata buleeyyii naannichaa irratti haleellaa garagaraa geessisaniiru jechuun jechuun hadheessen booda. 

Mootummaan federaalaa bakka wal-dhibdeen ta’etti labdii yeroo muddamsaa labsee, sanumarraan tarkaanfii waraanaa gara lixa Oromiyaatti daran babal’isuun, WBO adamsuu eegale.

Baatii Ebla bara 2018 irraa qabe, walitti bu’insa naannoo daangaa kibba Oromiyaa godina Gujii fi naannoo Saba Sablammootaaf Uummattoota Kibbaa (SSUK) godina Geede’ootti Oromootaa fi saba Geede’oo gidduutti dhalate hordofuun, mootummaan humna waraanaa isaa baay’inaan gara kibba Oromiyaatti guuruu eegale.

Amajii bara 2019ti, jaarrolii fi hayyooni siyaasaa bebbekamoo, kanneen akka Jawaar Mohaammad fi miseensota Abbootii Gadaa waliin ta’uun, mootummaa fi ABO gidduutti araarri akka bu’uuf, jaarsummaadhaan waliigalteen HBD arma dura san lafa qabsiisuuf yaalaniiru. Ifaajjiin sun hin milkoomina, Ebla bara 2019, WBOn qofaa ba’uun ajaja olaanaa hundeeffachuu isaa labse. 

ABOn cichaa waliigaltee HBDf qabu mul’isuuf jecha, walitti dhufeenya WBO waliin qabaachaa ture ifatti addaan kutuusaa Caamsaa bara 2019 keessa irra-deebiin ibse. Mul’inatti siyaasa karaa nagaa geggeessuu keessatti of daangesse, WBOn gama isaatiin qabsoo karaa hidhano geeggeessuu itti fufe.

Bara kana, Ebla 27, WBOn ibsa karoora qabxii saddeet of keessaa qabu baaseen, hatattamaan waraannii akka dhaabbatu, qaama walaba ta’een miidhaan mirga namoomaa irra gahaa jiru akka qoratamuu fi rakkoolee nageenyaa, diinagdee fi siyyaasaa Oromiyaa mudate karaa nagaa qabeessa ta’een furmaanni akka itti barbaadamu, yaada dhiyeesse.  Gama saatiin qaamota wal-waraansatti xumura gochuuf socho’an mara waliin wal-ta’uuf qophii ta’uu isaa ibse.

Garuu deebiin mootummaa federaalaa, guyyoota afuur booda, WBO dhaaba shororkeessaa jedhee labsuu ture. Maqaa ABO waliin jabeessee wal qabsiisu fayyadamuun, ‘ABO—Shane’ jechuun garee kana yaame. 

Mootummaan waraanni mootummaa fi WBOn lola irratti injifannoo akka argatan isaanii gabaasaa kan turan yoo ta’u, mootummaa garuu Oromiyaa keessatti WBO waliin wal-waraansarra akka jiran yeroo baay’ee hin dubbatu.

Jalqaba baatii Waxabajii, komishiniin poolisii Oromiyaa loltoota “ABO-Shanee” 95 godina Gujii fi Booranaatti keessatti  ajjeesuu gabaase. Mootummaan bara 2020 irraa eegalee oromiyaa keessatti poolisoota 112, miseensota milishaa 57, fi hoggantoota mootummaa 18 dabalatee, ajjeecha namoota 463 hundaaf riphee loltoota Oromoo kanatu raawwate jechuun hadheesse ture; itti dabaluunis madaa’uu poolisoota 76, miseensoota milishaa 36 fi hojjetoota lamaaf  garee kana himata.

Angaawoonni biyyatii namoota nagaa sabaan Amaaraa Oromiyaa keessa jiraatan, kanneen godina Wallagaa Lixaa fi Bahaa keessatti ajjefamaniif, WBOtti quba qaba. WBOn gama saatiin haleella dhaqabeef itti gaafatama kan hin fudhane ta’uu yeroo ibsu, rogeeyyin immoo gareen riphee lolaa kun shira mootummaan garee kana maqaa bal’eessuun kiyyoo keessa galchuuf fayyadamu jechuun yeroo baay’ee mootummaatti quba qabu.   

Waggoota sadan darban keessa, WBOn sochiisaa babal’ifachuun Oromiyaa fi biyyoottan alaa keessatti beekamtii horateera.  Guraandhala bara kana, hogganaan waajjira PB damee Oromiyaa, Fikaaduu Tasammaa, dhimma bakka hunda jiraachuu WBOn irratti yeroo ibsu: “[Miseensonni isaa] guyyaa namoota nagayaa, ummata keessa oolu, walgahii keenya irratti hirmaatu, odeeffannoo funaanu, halkan haleellaa raawwatu” jedhe.  

Fiqaaduun iccitii ejjennoo paartii isaa, akka itti mootummaan WBO irratti aggaammachuuf jiru yeroo ifa baasu, “qurxumii galaana Paasifiik ykn Atilaantik keessa jiruu hunda qabanii fixuun hin dandahamu. Yoo qurxumicha guutummaa guutuutti baasuun barbaachise gaalaanicha gogsuundha” jedhe. 

Haasaan qoqqodinsaa akkasii immoo WBOn caalmaatti deggersa akka argatu tajaajileera.

Kanarraa kan ka’e, yeroo eegumsi nageenyi fi mirgi namoomaa naannicha keessatti gatantaraa adeemetti, waraanni mootummaa bifa walitti fufaa ta’een lammiilee nagaa irratti tarkaanfii fudhachuutti yeoo seenetti, paartii mormituuf dirreen siyaasaa wallaba ta’e naannicha keessatti sadarkaa qoonqootti rakkachuutti dhiphachaa yeroo deemetti Oromoonni hedduu guyyaa irra gara guyyaati gara WBOti makamaa jiru.

Oromiyaa keessatti yeroo amma, WBOn hiree ofi murteeffachuuf akka filannoo dorgomaa hin qabneetti ilaallamaa jira.

Gocha gara-jabeenyaa hammaate

Har’a namooni gariin, Oromiyaa keessa bakka kamittiyyuu, namni nageenyi isaa balaa irraa bilisa ta’e akka hin jirre dubbatu. Hojjetaa mootummaa Itoophiyaa Insaayit Buraayyuutti haasofsiise tokko, “Mana kee keessatti ajjeefamuu malta, ooyiruu kee keessatti ajjeeffamuu dandeessa, daandiirratti ajjeefamuu dandeessa; iddoo awwaalchaatti ajjeefamuu dandeessa; bakka hojii keetti ajjeefamuu dandeessa, mana hidhaa keessattillee ajjeefamuu dandeessa,” jechuun baatii Waxabajii darbe keessa dubbate. “Olaantumma seeraa ykn adeemsa seeraa wanti jedhu Oromiyaa keessa hinjiru.” jedhe. 

Caamsaa 2020, gareen mirga namoomaa Amniisti Internaashinaal gabaasa dhiitta mirga namooma godinaalee Gujii lameen Oromiyaa keessatti humna nageenyaa mootummaatiin dhaqabaa ture ifa godhe. Gabaasni dhiyaate kuni bara 2019 eegalee ajjeechaalee seeraa alaa humnoota mootummaatiin fudhataman, hidhaa, qaama miidhuu, fi gidiraa al-namooma qaqqaban toora qabsiise dhiyeesse. Dabalataan, miseensootaa fi deggertoota ABO fi WBO jedhamanii kanneen shakkaman irratti, humnaan bakkaarraa buqqisuu, fi qabeenya mancaasuu, raawwataman gadifageenyaan ibseera.

Caamsaa darbe kana, Komishinni Mirga Namooma Itoophiyaa (KMNI), kan mootummaan muudame, ta’us akka seeraatti walaba kan ta’e, haala qabiinsa mirga namoomaa manneen hidhaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman ilaalchisee gabaasa baase. Qorannoo gabaasa kanaa baatii Sadaasaa bara 2020 irraa hanga Amajii 2021tti buufata poolisii filataman 21; keessatti buufattoota angaawootni biyyattii sababa “haala yeroo” jechuun ibsaniin walqabatee namoonni baayyinaan itti hidhaman jedhaman irratti, ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa Waxabajii, 2020 hordofuun kanneen hidhaman dabalatee, keessatti sakatta’insa geeggeessuun kan qophaa’eedha

KMNIn kan rifate ta’uu ibsuun dhimmi mirga namoomaa haala yaaddeessaa irra gahe ta’uusaa ibseera. Gabaasichi dhuga-baatii namoota miseensa maatiilee shakkamtootaa sababa ta’aniif bakkoota garagaaraatti hidhamanii jiran kan of keessatti qabate — manguddoota ilmaan saanii WBOti makamanii jiru jedhaman akka fidaniif kan hidhamanii jiran, fi abbaan warraa isaanii walitti dhufeenya garee kanaan qaba jedhamee shakkame akka dhiyaatuuf dubartoota hidhaman dabalatee jechuudha.  

Caamsaa 11, humnooni nageenya mootummaa naannoo Oromiyaa Amaanu’eel Wandimuu, dargaggoo umrii 17, miseensa garee dhokataa Abbaa Torbeeti jechuun shakkuun, magaalaa Dambi Dolloo, kan lixa fagoo naannichaatti argamtu keessatti, ummata fulduratti ajjeesan. Qondaalonni Oromiyaas ajjeecha seeraan alaa kana sirrii akka ta’etti ibsaniiru.

Amaanu’eel Wandimmuu, ajjeefamuu isaatiin daqiiqota muraasa dura marfata magaalaa Dambi Dolloo gubbaatti baasanii, harka duubatti gargalchanii hidhuun, shugguxii mormatti hidhanii qomarrattii rarraasanii yeroo jiran; Caamsaa 11; Miidiyaalee Hawaasaa.

Gareen Deggersa Oromiyaa (GDO) jedhamu, Gaabaasa isaa kan waxabajii 7tiin, dhaabbata dadamaqinsa dhiitta mirga namoomaa Oromiyaa keessatti mudatu kan qoratu, baatii Onkoleelessa bara 2018 irraa eegalee namooti 2,107 ajjefamuu galmeessee jiraachu ifoomse. Kana keessaa, 1,326 Oromoo yoo ta’an, isaan keessaammoo 766 lixa Oromiyaatti kan ajjefaman ta’uu beeksise.  

Lola waggoota sadan darbaniif geggeeffameen walqabatee ajjeechaa namoota nagaaa fi al-seerummaa mudataa tureef, keessumaa lixaa fi kibba Oromiyaa bakkeewwan yeroon muddamsaatiin ajaja komaandi jala jiran keessatti, WBO fi mootummaan quba walitti qabu. 

Mootummaa federaalaa, gara jalqabaa WBO irratti, karaa naannawaadhaan miseensotaa fi deggertoota ABO irratti, xiyyeeffate  tarkaanfii fudhachaa ture.  Haa ta’u malee, hanga bara 2019’iitti, hayyoonni siyaasaa Oromoo hedduun, hoggantoota KFO dabalatee, Abiyyi akka waan xurree Oromoof saaquutti eeggataa turaniiru.

Yaaddoon waa’ee adeemsa Abiy dhawaataan guddachaa adeemee. Jawaar, rogeessa baakamaan biyya ambaatii deebi’e, ilaalchi inni muummicha ministeeraatiif qabu jijjiiramuun isaa fakkeenya ta’uu danda’a.

Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork (OMN), kan bara 2015 irraa kaasee hanga Abiy muummicha ministeeraa ta’ee muudamutti, uummata Oromoo mormii irra turaniif afaan ta’ee hojjechaa ture, bara 2013 keessa biyya Ameerikaa keessatti yeroo hundeeffametti, Jawaar nama shoora olaanaa taphateedha.

Jawaar baatii Hagayya bara 2018ti gara biyyatti kan deebi’ee fi kan rogeessitoota Oromoo hamma tokko biratti, yeroo muraasaaf, nama aanga’oota mootummaa caalaatti aangoo ol-anaa qabuu fi qondaalota KFO waliin immoo walitti hidhamiinsa cimaa qabuutti ilaalamaa kan tureedha. Wagguuma tokko keessatti, kallatiin imaammata Abiyyi isa yaaddeesse — keessumaa paartilee miseensoota ADWUI arfanii fi michoota isaa shanan walitti baqsuun Paartii Badhaadhinaa tokkicha hundeessuun isaa.

Onkoloolessa 17 bara 2019tti, walitti baqiinsicha irratti yaada cimsee qeequ dhiyeesse. Jawaar, Kaayyoon walitti baquu ADWUI, sabboonummaa saba irratti hundaa’e dadhabsiisu fi siyaasa giddugaleessumma cimsuuf jechuun kan ibse yeroo ta’u, akka yaada furmaataatti, baqsuurra keessoo paarti ADWUI dimokiraatessuun caalaatti akka fayyadu ibsee, Oromoon walitti dhufee waloon mirga isaaf falmachuu akka qabu dhaammmate.

Guyyoota muraasa booda, Abiyyi abbootii qabeenyaa dhaabbata miidiyaa qaban kanneen paaspoortii biyya alaa of harkaa qaban irratti akeekkachiisa dabarse. Innis bal’inaan kan fudhatame, Jawaar sababa paaspoortii US qabatee jiruuf, isa sodaachisuuf kan irratti xiyyeeffateedha jedhameeti.

Sodaachisi tures, yeroo poolisiin federaalaa eegdoota Jawaariin eeguuf ramadaman irraa fudhuuf waametti, caalaatti ifa ba’e. Eegdotni isaa halkan keessa naannoo mana isaa gadi dhiisanii akka bahan ajajuun, balaaf yookaan yaalii ajjeechaaf Jawaariin, kan dhiyeenya KFOtti makamuu isaa fi filannoo waliigalaa Itoophiyaa irratti dorgomuuf akka jiru beeksise, kan saaxiluudha.

Jawaar, halkanuma sana, haala keessa ture gara miidiyaa hawaasaatii baasee maxxansuun hordoftoota isaaf qoqqoode. Deggertoonni isaa gargalanii daandiitti bahan. Jeequmsa fi lolli magaaloota hedduu keessatti uumamuu irraan kan ka’e, namooti kudhaniin lakka’aman du’aniiru. 

Bara 2019 keessa, dhimma  waliitti baquu ADWUI irratti   mormii kan kaase Jawaar qofa hin turre; Lammaa magarsaa, michuun Abiyyi duraanii, mormii hundeeffama Paartii Badhaadhinaa irratti qabu yeroo ibsutti Ministeera Ittisaa irraa kaafamee akka caal’isus taasifame. Mootummaan naannoo Tigraayi kallattiin dura dhaabbatanii morman, kanaanis sadarkaa walwaraansa yeroo ammaa geggeffama jiruu irra ga’ameera. 

Hoggantoota KFO, Jawaariiniyyuu dabalatee, gocha gara jabinaa mootummaan Oromiyaa keessatti dalagaa ture fi tattaaffii inni federaalizimii sab-daneessa ballessuuf godhu qeequu fi abaaruun irratti duuluu eegalan.  

Mootummaan isaan danquuf yaalii godhullee ummanii baayyinaan gargalee bahee hiriiruun isaan deggeru itti fufe. Guraandhalaa 2020ti, fakkeenyaaf, KFOn walgahii inni istaadiyoomii magaalaa Jimmatti geggeesuuf karoorfateef “duulli nafiladha labsiin ifatti hin eegalamne” jechuun hayyama dhorkatan. Paartiin Badhaadhinaa, garuu guyyuma san magaalaa walakaatti hiriira geggeffate.

Adeemsi mootummaan sochii paartilee mormitootaa Oromoo danquuf adeemaa ture kan daran hammaate, Waxabjii 29, 2020 ajjeefamuu Hachaaluu, artiistii sabboonaa Oromoo sirboota qabsoo isaatiin beekkamu, hordofee ture. 

Haacaaluun af-gaaffii, yeroo dhumaaf OMN waliin taasise, kan torban qilleensarra ooletti ajjeefamuun isaa dhaga’ame, Abiyyii daandii irraa goreera, harkasaa dhiiga ummata Oromootiin laaquu hin qabu ture jechuun qeeqee.  Gochaa suukkaneessa yeroo amma naannoo Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti aarii qabu ibsuun Haacaaluun “Gidirsuun ammallee adeemaa jira. Oromootu Oromoo hacuucaa jira” jedhe. 

Namoota nagaa, roogeeyyii, fi qaamoota siyaasa Oromoo warren ajjeechaa isaatiif qaama ittigaafatamu barbaadanii fi walitti dhufeenya ajjeefamuu isaa fi gidirfama Oromiyaa keessatti babal’ate wal bira qabanii xiinxaluuf qorannoo itti fufan, birattti ajjeechaan Hacaaluu ammallee dhimma ijoodha. Inni ajjeefamee baatii tokko, OMNn dokmantarii daqiiqa 30 akkaataa itti mootummaa fi leellistoonni sirna impaayeraa af-gaaffii Haacaaluutiif deebii yeroo kennanii fi miidiyaa hawaasaa irratti sodaachisa garagara maxxansuun dhaadataa turan kan agarsiisu qopheesse qilleensarra oolche. Warri faallaa ilaacha sanii qabanis yaada Haacaaluu akkataa isanii maluun yaada isaa kan biraa dhiyeesuun humnoot sabboontota Oromoo akka isa barbaadanitti dubbataniiru.  

Baatii Onkoloolessaa keessa, namoonni afuur ajjeechaa Haacaaluun shakkamanii qabamuun himanni irratti baname, ABO waliin hidhata akka qabanitti dubbatamee ture. Dhaddachi ammallee hin xumuramin jira. Laamrooti Kamaal, yeroo Hacaaluun xiyyiitiin rukutame kan bira turte, bilisa jedhamtee yeroo gadhiifamtu, oliyyannoo abba alangaatiin deebitee akka hidhamtu taasifamteerti. Manni murtiis ragaalee namoota lamaan biro irratti dhiyaate quubsa miti yoo jedhu, Xilaahuun Yaamii ajjeesaa shakkamaadha jedheera. Inni amma yakkamaa ta’ee argamuun hidhaa umrii guutuun adabamee jira, namoonn isa waliin turan jedhaman lameen immoo hidhaa yeroo gabaabaan adabamanii jiru.   

Baatii Amajii keessa, miidiyaan Keelloo ajjeechaa Haacaaluu irratti dokmantarii daqiiqa 46, xiinxala gaazixeessitoota Oromoo fi dhuga bahiins mana hidhaa keessatti waraabamee kan of keessaa qabu qopheessuun qilleensarra oolche. Af-gaafii addatti Xilahuun waliin mana hidhaarraa taasiseen, sobaan akka yakkamee jiru himuun, gaafa Haacaaluun ajjeefame sana galgala waan ijaan argee poolisatti eeruuf ufumaan akka dhaqe dubbatee jira.

Maatiin Haacaaluu irraa deddeebi’anii adeemsa seeraa sana irraa amantaa akka dhabanii fi Oromoonni baay’eenis bifa walfakkaatuun akka homaa irraa hin eegne dubbataniiru.

Ajjeechaan Haacaaluu Oromiyaa maratti dambalii hiriiraa gadlakkise. Inni ajjeefamee sa’aa muraasa keessatti intarneetiin cufamee hanga baatii tokkootti ture. Akka komishinni mirga namooma Itoophiyaatti, ajjeechaan sana booda guyoota turaniin, bakka maratti poolisiin mormitootaatti dhukaasuun namoota kudhaniin lakkaa’aman ajjeeseera

Akkasumas, ajjeechaa namota qomoo fi amantaan adda baafamee, yeroo baay’ee immoo kiristaanoota Ortodoksii, saba Amaaraa kan ta’an, irratti namoota dhuunfaa fi gareen dhaqabsiifame ta’uu dubbateera. Komiishinichi, akka malee humna fayyadamuu cinatti, humni nageenyaa jeequmsa utuma arganii “ija jaamaatiin ilaalan”jedhe. Haalli kun immoo Itoophiyaa Insaayiit jeequmsa giddu gala Oromiyaa, magaalaa Baatuutti(Zuwaayitti) mudate irratti qorannoon geggeesee ture ragaa ragaadha.  

 

Jeequmsichaan walqabatee namoonni 9,000 ol ta’an hidhamaniiru. Lakkoofsichi Jawaar, Baqqalaa Garbaa, miseensoota KFO danuu, akkasumas qondaalotaa fi deggartoota ABO lakkoofsaan danuu ta’an humnoota federaalaa fi naannootiin jeequmsa finiinsan jedhamanii hidhaman dabalateeti. 

Danqamuun KFO, cufamuun OMN, hidhamuun gaazixeessitootaa, sabbontoota fi rogeeyyii Oromoo, Itoophiyaanooti Jawaariin yeroo dheeraaf qeeqaa turan biratti, akka karaa ittiin qaamolee mormitootaa biyyattii tuffatan dhabamsiifamaniitti fudhatama argateera.  

Qeeqxoota Oromoof, taateewwan kun mallattoo ifaa ta’e, kan fedhiin Abiyyii fi PP, sabboonummaa Oromoo biyya Itoophiyaa keessaatti akka hin dagaagne — yoona, akka hin jiraannellee – gochuudha jedhu.

Geeggeessaa dargaggooti Buraayyuu reeffa Haacaaluuf godhan; Waxabajii 30, 2020, Ermias Tasfaye tiin

Itoophiyaawwiinnetii fi Oromummaa

Oromiyaan dirree siyaasaa ilaalchi lameen irratti walmorkatan taateetti: Oromummaa fi Itoophiyaawwiinnetii — sabbonummaa Oromoo fi durtummaa Itoophiyummaa sab-tokkee. Mootummaan federaalaa sabboontota Oromoo moggaatti baasuuf jecha garee durtummaa Itoophiyummaa sab-tokkee leellisan cina goreera. Kun immoo yaadota wal-faallaatiin walqooduun daran babal’atee rakkoo Oromiyaa keessa jiru gara sadarkaa hammaataatti jijjiire — rakkoo filannoon ammaa kun furmaata utuu hin fidiniif hafe, darbees kan daran hammeese.

Oromummaas ta’e Itoophiyaawwiinnetiin dhaabbatoo kan hin taanee fi, uumamni tookkoon tokkoon isaanii yeroo keessa jijjiramaa dhufaniiru. Tokkoon tokkoon jechoota kanaa yaadi isaan dhiyeessan, dhageettii gadifagenya qabu kan maalummaa eenyummaa Itoophiya fi/ykn eenyummaa Oromoo — eenyummaa jechuun maal jechuu akka ta’ee fi garee kana keessatti eenyufaatu haammatama kan jedhuudha.   

Jara kana lameen walitti araarsuun akka danda’amuu fi hin danda’amne irratti yaadni jiru, yoo xiqqaate bara mootummaa Minilik II, irraa qabe dhimma tureedha. Minilik, kan bara 1896ti Xaaliyaanoota injifachuun birmadumma Itoophiyaa eegee fi daangaa mootummaa isaa babalifachuuf jecha gareelee hedduu, biyya Oromoo dabalatee ,humnaan Impaayera Itoophiyaa  jala galche.

Itoophiyawiinatiin eenyummaa biyyaalessaa Itoophiyaa sab-tokkee akka yaada gamteessa biyaatti ilaala: ummata daangaa biyyatti keessatti argaman hundaaf eenyummaa hunda galeessaa godhee fudhata.  Deggertoonni isaa irra deddeebi’anii garaagarteen Itoophiyaa keessa jiru Itiyoophiyaawwiinnetiidhaan haammatama jechuun falmu. Babal’ifannaa mootichi Minilik godheef ni faccisu, kuni amaluma ijaarsa mootummaa fi biyyaalessummaati, darbeesi hoggantoonni Oromoo mataan saanii bara injifannoo isaanii keessa saboota hedduu cunqursaniiru jechuun falmu. 

Bara 1960’oota keessa, falmii jabaan walxaxaa ta’uu Itoophiyaawwinnatii irratti geggeefamaa ture, yaadichaaf gad fegeenya dabale. Baay’een akka eenyummichi eenyummaa isaanitti fee’ame, kandhaalmaya impaayerichaa ta’e, kan warra kaaba biyyattii saboota Amaaraa fi Tigiree irratti bu’urfatee  ijaarame jedhanii ilaaluu eegalani. 

Akka itti olaantummaan Amaaraa (fi Tigree) yaadaa sabboonummaa Itoophiyumma keessaatti hammatame, fi kanneen al-Amaaraa ta’an immoo akka itti cunqursaman agarsiisun, bara 1969ti, Waalelligni Mokonniin haala barreedaa ta’een Itoophiyawiinetin maal ta’uu akka qabu irratti yaada qabatee dhiyaate: eenyummaa miseensotaa haala dimokiraatawaa fi walqixxummaa dhugaan irratti mirkanaa’ee, dhimmoota biyyaa irratti sabni hundi walqixxummaan irratti hirmaatanii, fi afaan, seenaa fi aadaa isaanii tikfachuuf hundi carraa walqixaa qabaatan.     

Har’a, dhaadhessitooti Itoophiyumma sab-tokkee baay’een isaani qeeqa walitti sassaabuun, hiika Itoophiyawwiinnetiif yeroo kennan dhimoota amantaa, aadaa, fi afaanii moggaatti dhiisuun, daangaa biyyaalessaa fi siyaasaa irrattii xiyyeeffachuu caalchifatu,   

Haa ta’u malee, mormitootni isaa, garee kuni warra mirga ofii ofiin murteeffachuu saba isaanii ykn ummata isaanii leellisan fudhatama dhabsiisa jedhu. Gareen leellistoota Itoophiyummaa sab-tokkee akka mootoota Impaayiratti irraa argataniitti faarsuun gootaatti of lakkaa’u: kun immoo moggaatti dhiibamuuu fi aarii sabootaa fi sablamoota biroo irratti fee’umsa dabalataa ta’e. 

Filannoon ummata Oromoo, Itoophiyummaarra Oromummaadha.

Oromummaan”, salphaa dhumatti, miira Oromoo ta’uu qabaachu jechuudha. Dargaggoon Buraayyu tokko akka Itoophiyaa Insaayitiif hiikkoo kenneetti “Oromummaan dhiiga kooti, eenyummaa kooti, aadaa kooti, fi hidda dhaloota kooti” jedhe.  

Oromummaan qabsoo amma geggeeffama jiru kan of keessatti haammatuudha: qabsoo cunqursaa jaarraa lakkofsise kanatti xumura gochuuf qabsaa’amu. Gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffachu uummata Oromoo, kan heera mootummaatiin kenname kan of harkatti qabateedha.

Warri Oromiyaan Itoophiyaa keessaa akka naannoo tokkootti Oromoo caalmaatti aangesuuf qabsaa’an, gama tokkoon, Oromummaa akka meeshaa humnoomsaa ummata Oromootti dhimma itti bahuu. Gama biroon immoo, Oromonni bilisummaa Oromoof qabsaa’an daangaa egeree Oromiyaa wallaba taate ittiin sararuuf Oromummaatti fayyadamu. 

Itoophiyummaa moggeesituu 

Mootummaan Darguu (1974 – 1991) sirna mooticha Hayila Sillaasee eegi fonqolcheen booda falmii yaadoota garagaaraa moggaatti dhiibuu eegale.  Dhaadanno sooshaalistummaa isa salphaatti “Itoophiyaan Haa dursitu” jedha.

Giddugaleessummaa cafaqaa, isa humnoota riphee lolaa heddu dhalcheef, deebii akka ta’utti, feederaalizimiin sab-daneessaa heera mootummaa ta’ee bara 1995 ADWUI’n labsame. 

Abiyyi miimmicha ministeera ta’ee yeroo muudame, gaaffileen hiree ofi ofiin murteeffachuu saboota biyyattii hedduun dhiyaate biyyatti akka rakkoo keessa galchutti ilaalame. Itoophiyummaan of haaromsee dhufuun beekamtii argachuu eegale, Oromummaa fi sabboonummaan saboota biroos, beekamtiin isaanii daran dabale.

Abiyyi deggeraa addaduree Itoophiyaawwinnatii harawaa kanaati.

Itoophiyaawwinnetiin Abiy, waantota gaggaarii jiran hambifacha, gara fuula duraa ilaaluudha ofiin jedha. Seenessa walfamisiisaa seenaa cunqursaa fi loogummaa jibbinsa gatuun, bakka isaa eenyumma waloo gaarii fi bu’a qabeessa ta’e kan bara kana gitu fiduudha jedha. 

Dhaadannoon isaa “Itoophiyaa Guddatti Deebisanii Ijaaru” jedhu ilaalcha siyaasa mootota impaayara Itoophiyaa kan deebi’ee dhaggeeffatuudha. Abiyyi falasama isaa “maddamar” salphaa dhumatti ida’amuu jedhu keessatti walta’insa, walfaanaa ta’uu ykn tokkummaa jechuun kaa’eera. 

Kaayyoon ilaalcha kanaa Sabaa fi sablamoota Itoophiyaa keessa jiran cufa walitti fiduun, warra moggaatti dhiibamee fi warra carroome hundasaanii, amantaa, safuu, duudhaa fi adaa isaanii hunda walitti baqsuun eenyumma tokko qabsiisanii eenyummaa Itoophiyummaa haarawaa qeenxee ta’e uumuun eenyumma biyyaalessa kalaquudha. 

Kun yaada tilmaamaa qofa miti, Abiyyi yaada qabatamaa waa’ee barmoota afaanii ilaalchisee, fakkeenyaaf, akka itti afaan walitti baqsuun danda’amu irratti, dubbatee ture. Pirojektii Siindikeeti jedhamuuf immoo barruu katabeen, Abiyyi (karaa sirrii hin taaneen) “paartiin siyaasaa amma ani hogganaa jiru kuni biyya Itoophiyaa keessaatti paartii al-sanyii, al-amantii, ykn al-saba isa jalqabaati” jedhe. Haasawaa isaa yeroo dhiyootiin immoo, “Itoophiyaa keessa uummata malee, uummattooti hin jiran” jedhee labse.

Abiyyi waraqaa gubbaatti danooma kabajuun tokkummaa ol kaasuu kan barbaadu haa fakkaatu malee, haasawan isaa Itoophiyaawwinnatii haaromsuu faana  dhufan kan caalaatti summii fi loogummaadhaan guutaniidha.

Kaayyoo fi faayidaa ummata Amaaraa guutummaa biyya Itoophiyaa keessatti tiksuuf jecha bara 2018 Waxabajii keessa SBAn hundeeffame. Qondaalli isaa tokko afaanii baafatee namoonni akkuma uumaa isaani kabajan, “Amaarri Itoophiyaa uumuu isaatiif” kabajamuu qaba jedhe – paartichi boodarra afaan abidda qabsiisuu danda’uudha jechuun dhiifama gaafate. 

Miidiyaaleen leellistoota tokkumma kan akka Ethio–360, Abay Midia, fi kanneen biroon, Oromummaa irratti duula geggeessa jiru. Sabbonummaa Oromoo gadi xiqqeessuun, akkuma ADWUIn “dhiphoota” jechaa ture, rogeessitoota Oromootiin ‘gosummaa’ yookaan ‘sanyumma’ akka qabaniitti waaman. 

Leellistoonni Itoophiyummaa muraasni ifumatti akkuma ABUTiin balleesuuf yaalanitti, Oromummaa balleessina jechuun dubbatu. Hiriirtonni naannoo Amaaraattii jibba Oromoof qaban dhaadannoo barreeffatanii daandiitti ba’uun agarsiisan – “Oromummaan haa barbadaahu, Itoophiyaan haa dursitu” fi “godinni addaa Oromiyaa haa diigamu”, kunis godina Oromoo kan naannoo Amaaraa keessatti argamu kan jalqaba bara kanaa gidiraa hamaan akka sabaahimaaleen tokko tokko gabaasanitti irra caalaan isaa humna addaa naannoo Amaaraatiin  kan irra gahe.

Hiriirtonni naannoo Amaaraa dhaadannoo isaan qabatani daandiitti bahani “Oromummaan haa barbadaahuu, Itoophiyaan haa dursitu” Ebla, 2021; Miidiyaa Hawaasaa

Oromoonni Itoophiyummaa isaaniittis amanuun Oromiyaa akka naannootti Itoophiyaa jalatti egeree ofiin of-bulchuu akka qabaattu barbaadan baay’een, dhaaltummaa impaayeraa leellifamaa  jirutti gammachu hinqabani. Kun immoo, Abiy sabboonummaa Amaaraa simachuun isaa Oromiyaa keessatti wal-gaarreffannaan yaadota wal-faallaa ta’anii akka dagaagu taasisuun, mul’ati Oromummaa sochii fottoqqiif taasifamu akka caalaatti hawwatu taasiseera.       

Akka dargaggoon jiraata magaalaa Buraayyutti Itoophiyaa Insaayititti himetti: “Jibbi isaan uummata Oromoof qaban akka nuyi isaan waliin walqixxummaa fi bilisaan biyya tokko keessa jiraachuuf yaalii hin goone nu taasisa” jedhe. 

Oromoota biratti, odeessaaleen waa’ee Itoophiyaawwinnetii saba Amaaraa irratti bu’uureffamte uumuu, deebi’ee dhufuu seenessa ‘nafxanyaa’ tiif sababa biraadha.  

Dargaggoon Buraayyu kan biraa tokko “jechi Itoophiyaawwiinnet jedhu meeshaa ittin sirna nafxanyaa isa sabaa fi sablammoota biyyattii cunqursaa ture du’aa kaasuuf fayyadamanidha. Galmi isaas Oromummaa barbadeessuu dha” jechuun yaada isaa ibse.

Nafxanyaa (ነፍጠኛ) jechuun, hiikkan isaa ‘hidhataa’ jechudha. Maqichi qubattoota humnoota babal’ifannaa daangaa sirnichaa keessatti qooda qabaachaa turan, kanneen jaarraa 19ffaa keessa hundeeffama Itoophiyaa ammayyaa keessatti qooda fudhataa turanidha. Oromiyaa keessatti akka ‘qubattoota koloneeffattoota’ humnaan Oromoota qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisuun, duudhaa fi sirna warra kaaba Itoophiyaatiin saboota buleeyyi moggaasuun, qoteebulaa garbatti jijiiraniitti ilaallamu.

Abiyyi, yeroo ta’e tokko, akka boonsaa fi humna Oromootaati ilaalamus, amma garuu Oromoota heddu biratti akka ergamaa sirna moototaa cunqursaa duri deebisuuf hojjechaa jirutti illaalamaa jira.

Miira cimaa ganamuu isaanii agarsiisutu mul’ata.

Akka roogessi Buraayyuu tokko jedhetti: “Abiyyi Oromoo gowwomse jira. Amma awwaala ilmaan keenyaa, kannee lubbu saanii qaalii bilisumma ummata keenyaaf jecha arsaa godhanii, irratti sirna nafxanya deebise ijaaruuf tattaafataa jira”. 

Namni biroon: “Bulchiinsi Abiyyi jarreen ifatti ummata Oromoo irratti duula duguggaa sanyi geessisuuf labsataa turani fi sirna mootota nafxanyaa dulloomee daabisanii ijaarrachuuf karoorfatan waliin michoomee jira.” jechuun dubbate.

Sababa Abiyyi leellistoota Impeeriyaalaa waliin michooma cimsateef, hayyooti mormitoota siyaasaa Oromo guutummaa Oromiyaa keessatti deggersa Oromummaa jabeessanii ibsan.

Waajjirri Abiyyi komii akkanaa jeequmsa du’a Haacaaluun hordofee dhalatee booda, “yaalii maqa ballessii abdii murannaa irraa madde” bulchiinsa isaa irratti oofamudha jechuun ifatti balaaleffatee: “Jechi ‘nafxanya’ jedhu sirna bulchiinsa amma jiru waliin gonkuma walitti dhufeenya homaatu hin qabu, muummicha ministeera Abiy Ahimad waliin homaa wal hin argu. Inni qaamaa seenaati, karaa kamiinu, haalaa siyaasa amma jiru kan calaqqisiisu miti”.

Falmii marii 

Yeroo cehumsaa Filannoo dura turetti, dhaabbileen biyyalessaa fi idila addunyaa mariin biyyaleessaa hunda-galeessa ta’e akka geggeeffamu gaafataa turaniiru. Waamichi tokko tokko, kan akka ABO fi KFO, mootummaa cehumsaa biyyalessaa fi mootumma cehumsaa naannoo Oromiyaa akka dhaabbatu jechaa turan.

Barbaachisummaan kaayyoo marii kanaa, Oromiyaa keessatti dhimmoota ijoo ta’an, kanneen akka mormitoota irratti tarkaanfii fudhachuu mootummaa, paartilee Oromoo alatti dhiibuu, walwaraansa WBO fi mootummaa gidduutti geggeeffamaa jiru, dhimma haqaa fi araaraa hoggantoota Oromoo mana hidhaa jiranii fi dhimma duula jibbinsa hammaataa Oromummaa irratti baname jiruuf furmaata barbaaduudha.

Baatii Eblaa kana, dhaabbileen siyaasa Oromoo lameen, ABO fi KFOn, akkasumas WBOn ibsa baasaniin akkaataa itti hokkora naannoo Oromiyaa keessatti adeemaa jiru tasgabbeesuu fi furmaata itti fiduun danda’amu irratti ejjanno qaban calaqqisiisanii jiru. ABOn mariin dimokiraatawaa fi haaroomsaa hunda galeessa ta’e, kan humnoota siyaasa hundumaa hirmaachise, akka geggeeffamuuf yaada dhiyeesse. 

KFOn gama saatiin mariin biyyaalessa hunda galeessaa, araaraa fi walhubannaan akka geggeeffamu yaamicha godhe. WBOn immoo gumiin biyyalessa chaartara cehuumsaa lafa kaa’u, mootumma cehumsaa, fi filannoo akka dheeratu taasiisuuf yaamicha godhe.

Waxabajii 22, borumtaa guyyaa filannoo, dubbi himaan mootummaa US, Need Piraayis, filannoon waldiddaa Itoophiyaa keessatti dabalaa jiruuf furmaata ta’uu hin danda’u jedhe. Ibsa gazixeessitootaaf kenne irratti “Itoophiyaanoonni akka walitti dhufanii marii hunda galeessa ta’e godhachuun dimokiraasii jabeeffatanii walitti bu’insa keessoo sabootaa fi keesso hawaasaatti mudataniif furmaata kennan ni jajjabessina” jedhe. 

KFO fi ABOn waliigalan.

Waxabajii 23, KFOn ibsa biraa baaseen jijjirama dhaabbilee mootummaa yaadamee karaatti hafe baraaruun akka danda’amutti mootummaa hunda galeessa hundeessuuf marii ariifachiisaan akka godhamu waamicha dhiyeesse; marii ariifachisaan, hunda galeessa, fi amanamaa ta’e rakkoolee siyaasaa ijoo biyyattiin qabdu akka seecca’amuu fi filannoo ‘haqaa fi bilisaa’ waggaa tokko keessatti akka geggeeffamu gaafate. 

Hanga ammaatti, mariin waliigalaa fi hundagaleessaa gaafatamaa turan hundi ni tuffataman.

Ejjennoo dhabuu Abiy — jechuun: Hoggantoota biyya ambaa turan biyyatti akka deebi’an afeeruun deebisee tarkaanfii irratti fudhachuu, maddamarii dhaadhessaa sirna impeeriyaa durii ol kakaasuu, Eertiraa waliin nagaa buusuun Tigraayi irraatti immoo waraana labsuu — kun immoo, waan inni itti aansuun godhu beekuuf akka nama rakkisu taasisa. 

Haa ta’u malee, Oromiyaa keessatti waant ifa ta’e tokko jira: Abiyyi wanta aangoo isaaf sodaachisaa ta’eef qaawwaa dhiphaa dhiisa. Yoo waggooti sadan dabran waan dhufaa jiruuf agarsiiftuu ta’e, carraan marii dimokiraatawaa dhugaan itti dhufu baay’ee dhiphaa kan fakkaatuu, fi qabsoon Oromoon ofiin of bulchuuf taasisu daran kan jabaatee itti fufu ta’uu agarsiisa.

Gaaaffii yookaan Sirreeffama yoo qabaattan? Email nuuf godhra

Ethiopia Insight Hordofaa

Barruun kun qaama Projektii Filannoo Itoophiyaa Insaayit kan Itoophiyaa mara keessaa gabaasa gadi fageenyaa walitti fufiinsaan dhimmoota filannoo bara kanaan walitti dhufeenya qaban xiinxalee kutaa ‘Election 2021 jedhu jalatti kan maxxansuudha.

Main photo: Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmed baker dhaloota isaa Bashaashaatti sagalee erga kennee booda mallattodhaan deggertoota isaa yeroo dubbisu, Oromiyaa; 10 Adoolessa 2021; AP.

Join our Telegram channel

Published under Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International licence. Cite Ethiopia Insight and link to this page if republished.

We need your support to analyze news from across Ethiopia
Please help fund Ethiopia Insight’s coverage

 

About the author

Ermias Tasfaye

Ermias is an Ethiopia Insight reporter and administrator. Based in Burayu town in Oromia, he also does research and translation work.

Leave a Comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.